Afaan Dubbannu Yeroo “Gamoon Baabel” Ijaarame Dhufee.
Afaan Dubbannu Yeroo “Gamoon Baabel” Ijaarame Dhufee? kan jedhuuf mee macafaa qulqullu waliin haa ilaaluu.
“Waaqayyo guutummaa lafaa irra isaan bittimse; isaanis ijaarsa mandarichaa achumatti in dhiisan. Waaqayyo achitti afaan guutummaa biyya lafaa waan waliin makeef, maqaan iddoo sanaa ‘Baabel’ jedhamee moggaafame; (‘Baabel’ jechuun ‘Waliin makamaa’ jechuu dha) achiis Waaqayyo guutummaa irra lafaa irra namoota in bittimse.”—Uumama 11:8, 9.
Yaanni Macaafa Qulqulluu keessa jiru kun dhugumaan kan raawwatamedhaa? Akkuma ibsame namoonni afaan addaddaa dubbachuu kan jalqaban yeruma tokkotti turee? Namoonni tokko tokko akkaataa afaanoonni itti jalqabamaniifi itti babal’atan ilaalchisee seenaa Macaafni Qulqulluun dubbatutti ni qoosu. Barreessaan tokko, “Wantoota seenaa keessatti dubbataman keessaa afoolli waa’ee Gamoo Baabel dubbatu, wanta matumaa ta’uu hin dandeenyedha” jedhaniiru. Rabbiin warra Yihudootaa tokkollee, “Namni gowwaan madda sabootaa ibsuuf yaala” jedhaniiru.
Namoonni seenaa waa’ee Baabel dubbatu kan hin fudhanne maaliifi? Gabaabaadhumatti, yaadawwan madda afaanii ibsan tokko tokkoo wajjin waan wal faallessuufidha. Fakkeenyaaf, hayyoonni tokko tokko afaan hedduun yeruma tokkotti akka tasaa akka hin uumamne, kanaa mannaa ‘afaanuma tokkorraa’ suuta suuta jijjiiramaan akka argame dubbatu. Namoonni tokko tokkommoo, afaanonni hedduun sagalee hiika hin qabnerraa gara dubbii ergaa guutuu dabarsutti guddachuudhaan akka argaman amanu. “Hanga yoonaatti deebii amansiisa ta’e hin arganne” jechuudhaan barreessanii wajjin walii galu.
Arki’ooloojistoonniifi qorattoonni, afaanonni akkamitti akka jalqabamaniifi akkamitti akka dagaagan ilaalchisee wanti isaan bira hin geenye maalidha? Argannoonsaanii yaada afaan ilaalchisee dubbatame kamiyyuu kan deggerudhaa? Moo seenaa waa’ee Baabel dubbatu kan deggerudha? Mee jalqaba wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu haa qorru.

AFAANONNI EESSATTIIFI YOOM JALQABAMAN?
Macaafni Qulqulluun garaagarummaan afaaniifi faffaca’uun namootaa, “biyya Shiinaar” ishee yeroo booda Baabilon jedhamte keessatti akka jalqabe dubbata. (Uumama 11:2) Kun kan ta’e yoomi? Macaafni Qulqulluun bara Feleg isa Abrahaam dhalachuusaa waggaa 250 dura tureetti ‘lafti akka hirmaatame’ dubbata. Kanaaf, seenaan waa’ee Baabel dubbatu gara waggaa 4,200 dura kan raawwatame akka ta’e yaaduun ni danda’ama.—Uumama 10:25; 11:18-26.
Hayyoonni tokko tokko afaanonni hundi afaan jalqaba ture tokkorraa, jechuunis afaan namoonni waggaa 100,000 dura dubbachaa turanirraa akka dhufe dubbatu. * Kaanimmoo afaanonni yeroo har’aa dubbataman afaan garaagaraa yoo xinnaate waggaa 6,000 dura dubbatamaa turee wajjin akka wal fakkaatu falmu. Haata’u malee hayyoonni afaanii, afaanonni amma hin jirre akkamitti akka dagaagan beekuu kan danda’an akkamitti? Barruun Ikonoomisti jedhamu, “Kun wanta baay’ee rakkisaa ta’edha. Akka qorattoota baayooloojii, hayyoonni waa’ee afaanii qoratan hambaa durii lafa keessaa argamu hin qaban” jedheera. Barruun kun itti dabaluudhaan, hayyuun afaanonni jijjiiramaan akka dhufan amanu tokko xumura mataasaarra kan ga’u, “tilmaama yaada herregaatiin” akka ta’e ibseera.
Haata’u malee, “hambaaleen waa’ee afaanii” ibsan jiru. Hambaaleen kun maalidha? Madda afaanii ilaalchiseehoo ibsa akkamii kennu? Kitaabni Za Niiwu Insaayikilooppeediyaa Biritaanikaa jedhamu, “Barreeffamni jalqabaafi akka hambaa afaanitti tajaajilu gara waggaa 4,000 ykn 5,000 dura kan turedha” jedheera. Arki’ooloojistoonni “hambaa afaanii” ykn “barreeffama” kana kan argatan eessaatti? Mesophotaamiyaa gara gadiitti, jechuunis bakka Shiinaar durii turtettidha. * Hambaaleen bakka kanatti argaman dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee jiruu wajjin kan walsimanidha.

AFAAN ADDADDAA, YAADA ADDADDAA
Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo Baabelitti, ‘inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyetti, afaansaanii akka waliin make’ dubbata. (Uumama 11:7) Kanaan kan ka’es, namoonni sun ‘ijaarsa mandarichaa achumatti dhiisanii guutummaa lafaarra in bittimfaman.’ (Uumama 11:8, 9) Macaafni Qulqulluun afaan hundi ‘afaanuma tokkorraa’ akka dhufe hin dubbatu. Kanaa mannaa, afaanonni haaraan guutuu ta’an, tokkoon tokkoonsaanii miiraafi yaada namootaa guutummaatti ibsuu danda’aniifi garaagara ta’an hedduun si’uma tokkotti akka uumaman ibsa.
Gareewwan afanii yeroo har’aa jiran eessaa argaman? Hundeensaanii kan wal fakkaatudha moo garaagaradha? Saayintiistiin sammuurratti qorannaa godhaniifi Laraa Borooditiskaay jedhaman, “Hayyoonni afaanii, afaanota addunyaarra jiran (7,000 ykn keessaa muraasa qofa kan hubatan) caalaatti qorannoo gochaa yommuu adeeman garaagarummaa hangana hin jedhamnetu argama” jechuudhaan barreessaniiru. Akkaataan dubbiifi loqoda maatii afaanii kanneen akka Kaantooniiziifi Hakkaa kibba Chaayinaa keessa jiranii kan wal fakkaatan ta’us, maatii afaanii kaanirraa guutummaatti adda akka ta’an, maddi odeeffannoo Weesti Kaataalaan ykn Vaalanshiyaan jedhamuufi Ispeenitti argamu ibseera.
Afaanonni akkaataa namoonni itti yaadaniifi wantoota naannoosaanii jiran jechuunis bifa, baay’ina, bakkaafi kallattii itti ibsanirratti dhiibbaa qabu. Fakkeenyaaf, namni tokko afaan tokkoon, “Boorsaan harkakee mirgaatiin jira” jedha. Afaan kan biraatiin garuu namni tokko, “Boorsaan harkakee isa kibba bahaatiin jira” jedha ta’a. Garaagarummaan akkasii akka nama burjaajessu salphaadhumatti hubachuun ni danda’ama. Kanaaf, namoonni gamoo Baabel ijaaraa turan ijaarsa sana itti fufuu dadhabuunsaanii kan nama ajaa’ibsiisu miti.

SAGALEE HIIKA HIN QABNEDHAMOO ERGAA GUUTUU KAN DABARSUDHA?
Afaan namootaa inni jalqabaa maal fakkaata ture? Macaafni Qulqulluun Addaam inni nama jalqabaa ta’e, bineensotaafi uumamawwan qilleensa keessa balali’aniif jechoota haaraatti fayyadamee maqaa akka moggaase ibsa. (Uumama 2:20) Akkasumas miirasaa haadha manaasaatiif ibsuuf walalootti kan fayyadame si’a ta’u, isheenis wanta Waaqayyo isaan ajajeefi rakkina isaaf abboomamuu diduun fidu akka gaariitti ibsiteetti. (Uumama 2:23; 3:1-3) Kanaaf afaan jalqabaa namoonni guutummaatti walii galuufi miirasaanii akka gaariitti ibsuuf isaan dandeessiseera.
Garaagarummaan afaanii Baabelitti uumame, namoonni sun tokkummaadhaan beekumsaafi humnasaaniitti akka hin fayyadamne godheera. Haata’u malee, afaanonni haaraan sun akkuma afaan isa jalqabaa sirriitti ittiin walii galuuf kan gargaaran turan. Jaarraawwan muraasa gidduutti, namoonni magaalaawwan gurguddoo ta’an ijaaraniiru, humna waraanaa ciccimoo ta’an qindeessaniiru, akkasumas daldala biyyoolessaarratti hirmaataniiru. (Uumama 13:12; 14:1-11; 37:25) Afaan jechootaafi seerluga bal’aa ta’e qabu utuu hin qabaatin guddina akkasii gochuu ni danda’uu? Akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti, afaan inni jalqabaafi afaanonni Baabelitti uumaman, hiika kan hin qabne utuu hin ta’in, afaan namoonni ittiin walii galuu danda’anidha.
Qorannoon ammayyaas yaada kana kan deggerudha. Kitaabni Za Kaambiriij Insaayikilooppeediyaa oov Laanguweej jedhamu akkas jedheera: ‘Qorannoon aadaarratti godhame akka ibsutti, namoonni aadaansaanii hangamiyyuu ‘boodatti hafaa’ yoo ta’e, akkuma afaan namoota ‘ammayyaa’ akka ta’an dubbatanii, afaansaaniis yaada guutuu ta’e dabarsuu danda’a.’ Haaluma wal fakkaatuun, Piroofeesara Kolleejjii Haarvaardi kan ta’an Isteefan Piinkar kitaabasaanii isa Za Laanguweej Inistiniikti jedhamurratti, ‘Afaan boodatti hafaa ta’e hin jiru’ jechuudhaan barreessaniiru.

AFAAN ILAALCHISEE HAALA GARA FUULDURAA
“Hambaaleen” afaanii yoomiifi eessatti akka argaman, garaagarummaa gurguddaa gareewwan afaanii gidduu jiruufi afaanonni durii hiika kan qaban ta’uusaanii erga ilaallee booda xumura akkamiirra ga’uu dandeenya? Namoonni hedduun, seenaan Macaafni Qulqulluun waa’ee Baabel dubbatu ibsa sirrii ta’e kan qabate ta’uusaa irratti walii galaniiru.
Macaafni Qulqulluun, Waaqayyoon namoonni isarratti waan ka’aniif Baabelitti afaansaanii addadda akka godhe dubbata. (Uumama 11:4-7) Haata’u malee, ‘namoonni hundi maqaa Waaqayyoo akka waammataniif, harka wal qabataniis akka isa tajaajilaniif qooqasaanii jijjiiree qooqa qulqulluu akka isaaniif kennu’ abdii kenneera. ‘Qooqni qulqulluun’ kun dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruufi namoota addunyaarra jiran tokko godhudha. Waaqayyo, gara fuulduraatti garaagarummaa afaanii Baabelitti uumame balleessuudhaan ilmaan namootaatiif afaan tokko kenna jennee yaaduu ni dandeenya.
Waan dubistaanif galatoma.

No comments:
Post a Comment