Haile blog
Sunday, November 29, 2020
Tuesday, May 26, 2020
Sichi Maal ta'uu qaba?
Kitaaba Ortodoksii Oromiyaatii jedhuu irraa kanaan dubisee.
“Waan tokko nan godha,wanta na boodatti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha" Fil 3:13
Wanti guddaan isa darbe hanga tokko kaafnuuf isa duraa sanarraa akka barannuuf malee dhimma ija fooniitiin ilaalamu uumuuf miti. Akkasumas namoota wallaalummaadhaan lakki akkas hin turre jedhanis deebisuuf gargaara. Wanti guddaan garuu si achi tajaajila Afaan Oromoo akkamiin babaldhisuudandeenya kan jedhudha. Kanas qabxiiwwan muraasa kaasudhaan kallattii furmaataa teessisuun ni danda'ama.
1. Tajaajilli afaan kamiinuu kennamu tokko ta'uu amanuudhaan, tajaajilichi akka babaldhatu gochuudha. Kunis babaldhachuu kan danda au inni jalqabaa ilaacha sirrii qabaachudhaani. Sanaafis kan gargaaran, tajaajiltoota baayyinaan leenjisuu, kitaabota ijoo ta'an Afaan Oromootti hiikuu, kitaabota barreessuu, faarfannaawwan Afaan Oromoo baldhinaan qopheessuudhaan sirnoota kiristaanaa keessatti raawwataman naannoo uummanni Oromoo ittiin waliigalutti baldhinaan itti fayyadamuudha.
2. Tajaajilli biyya keessatti eegalame biyya alaattis akka babaldhatu gochuudha. Kunis uummanni sababa gara garaan biyyaa bahe hanga yoonaa carraa wangeela afaan isaantin dhagahuu dhabuurraan kan ka e shakkitootaan liqimsameef dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechuun barbaachisaa ta'a.
3. Tajaajilicha waaltessuudha: Biyyi Oromoo baldhaa fi jechootanis kan badhaadhedha. Kanaaf kitaabonnis yemmuu hiikamanis ta`ee yeroo tajaajilli kennamu waaltessuudhan bifa jechoota godina fi loqodoota hunduma giddu galeessa godhateen yoo qophaahe hundumtuu tajaajilicha gammachuudhan ni simatu.
4. Tajaajiltoonni baldhinaan keessumattu kanneen akka margeetaa Oromiya ala waan dhufaniif akka gosa barnoota tokootti mana baruumsa keessa dhufanitti baratanii gara uummataatti bahuu qabu. Kunis tajaajilicha kan cimsu ta'a
5. Tajaajila afuurawaa Afaan Oromootiin kennamu miidiyaalee gara garaan cimsuudha.
Kitaaba Ortodoksii Oromiyaatii jedhuu irraa
Tuesday, May 12, 2020
Sunday, May 3, 2020
KADHANNAA YEROO
HUNDAA
Mallattoo Fannoo Gooftaa Koo Iyyesuus Kiristoosin
qaama koo hundumaa yeroo sadii nan mallatteessa.
1.
Waaqa tokko kan ta’an maqaa Abba, kan
Ilmaa, Kan Afuura Qulqulluutti,
qulqulluufi ulfaatoo
kan ta’an sadummaatti (sillaaseetti) amanuufi kadhachuun diina
koo Seexana nan gana, haadha koo mana Kiristiyaanaa kana fuuldura dhaabadheen sigana. Kanaafis ragaan koo
Maariyaamii dha,
Addunyaa kanattis Addunyaa isa dhufuttis ishee dawwoo taasiseen yaa diina koo Seexanaa sin gana.

2.
Yaa Gooftaa si galateeffanna, yaa
Gooftaa si Kabajna, yaa Gooftaa sif bitamna, yaa Gooftaa maqaa kee qulqulluu ni
galateeffanna.
Jilbi hundumtuu kan siif sagaduu siif sagadnaa; arrabni hundumtuu sif bitama. Waaqni Waaqotaa, Gooftaan Gooftotaa, Mootiin moototaa si’iidha.
Uumaan fooniifi lubbuu sidha. Isinis yeroo kadhattan akkas jedha kadhadhaa jedhee qulqulluun ilmi kee akkuma nu barsiisetti si waammana.

3.
Yaa Abbaa keenya Samiirra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa’u.
Mootummaan kee haa dhufu jaalalli kee samiirratti
akkuma ta’e akkasumas lafarratti haa ta’u. Kan nu ga’u soora keenya ara’aaf ga’u nuuf kenni,
yakka keenyas nuuf dhiisi, nutis kan nu yakkaniif akkuma dhisnuuf, qorumsatti nu hin galchiin; hamaarraa nu oolchi malee, Mootummaan kan keetti’
oo humnis galannis bara-baraan Ameen!

4.
Nagaa Ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin Yaa Giiftii keenya Maariyaam nagaa siin jenna. Yaada keetiin durboodha, foon
keetiinis durboodha.
Yaa hadha Waaqayyoo isa mo’aa siif galanni haa ta’u. Ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha firiin gadameessa keetis kan eebbifameedha. Gammadi yaa ayaana qabeetti
Waaqayyoo si wajjin jira’oo Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa dhiifama nuuf kadhadhu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf. Hangaa bara-baraatti Ameen!

HUNDEE AMANTAA
1.
Hundumaa kan uume Waaqa tokko kan ta’u Waaqayyo Abbaatti ni amanna. Samiifi
lafa kan uume, addunyaa mullatu kanaafi kan hin mul’anne osoo hin uumamin, isa
wajjin kan ture
Ilma Abbaa kan ta’u Waaqa tokko Iyyesuus Kiristositti ni amanna; Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame, kan dhalate malee kan hin uumamne, amalummaa isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu, hundumtuu kan isaan
ta’e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta’e hin jiru. Nuu fayyisuuf samiirraa gad bu’e, hojii Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti dubroo Maariyaamirraa nama ta’e.
Nuuf jedhee fannifame, bara Philaaxoos Pheenxichaattis rakkina arge, du’e awwaalame, guyyaa sadaffaattis du’a mo’ee ka’e; akkuma ktaabolii qulqullaa’ootti barreeffame, ulfinaafi galataan gara samiitti ol ba’e,
mirga Abbaasaa taa’e; lammaffaas warra du’aniifi jiraattota irratti murteessuf galataan ni dhufa. Mootummaansaas dhuma hin qabu. Afuura qulqulluutti ni amannaa, Innis Gooftaa jireenya nuuf kennudha, Abbaarraa kan ba’e, Abbaafi Ilma wajjin tokkummaatti ni sagadnaaf, ni galateeffannaan.
Innis, Raajotarra bulee kan dubateedha. Hundumaan ol kan taate Duuka bu’oonni kan walitti qaban(hundessaan) ulfaattuu mana Kiristaanaa tokkittiitti ni amanna. Cubbuun kan ittiin haqamu Cuuphaa tokkittiitis ni amanna; Warri du’aan akka ka’aan ni abdannaa, jireenya isa dhufuf hangaa bara-baraatti Ameen.

Yaa Waaqayyo Mooticha, Qulqullu, Qulqulluu
Qulqulluujedhamtee ni galateeffamta. Galanni kees
samiifi
lafarratti kan guutedha. Yaa Kiristoos siif sagadna, arjaa Abbaa kee isa samii wajjin,
fayyisaa kan ta’e afuura Qulqulluu wajjinis siif sagadna. Gara Addunyaa
kanaatti dhuftee nu fayyisteetta’oo.
3.
Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf sagada tokkittii nan sagadaf (3x) tokko yommuu ta’an
sadii, sadii yemmuu ta’an tokko, Qaamaan sadii yemmuu ta’an Waaqummaadhaan
tokko kan ta’aniif nan sagada.
Giiftii Keenya durboo Maariyaamiif nan sagada.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristooskan itti fannifame fannoosaaf nan sagada. Fannoonsaa humnaa keenya, humni keenya fannoosaatti kan nuu jabeessu fannoosaati, fannoonsaa furaa keenyadha. Fannoonsaa fayyisaa lubbuu keenyatti, warri Yihudotaa ni ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni faayyina, Fayyineerrasii!

Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni
haa ta’u, Afuura qulqulluufis galanni haa ta’u (3x.Dhugaadhaa Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluufis galanni
haa ta’u.(3x)Waaqayyoon kan deesse Giiftii keenya
durboo
Maariyaamiif galanni haa ta’u.Dhugaadha Waaqayyoon
kan deesse Giiftii keenya durboo Maariyaamif
galanni haa ta’u.
Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiifis galanni haa ta’u.
Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiifis galanni haa ta’u.
Dhugaadha Fannoo gooftaa keenya Iyyesuus
Kiristoosifgalanni haa ta’u.
Kiristoos dhifaamasaatin akka nu yaadatuuf,
Ameen
Dhufaatiisaa
isa lammaffaattis akka nu hin qaanessineef,
Ameen
Maqaasaa
galateffachuf akka nu dammaqsuuf,
Ameen
Isa
Waaqeffachuuttis akka nu cimsuuf,
Ameen
Yaa
Giiftii keenya kadhannaa keenya ol-nuuf baasi,
Ameen
Cubbuu
keenyas nuuf dhiisisi,
Ameen
Tessoo
gooftaa keenya fuula durattis kadhannaa keenya nuuf dhiyeessi,
Ameen
Nyaata
kana kan nu nyaachise,
Arjummaansaa
bara-baraani hoo
Xoofoo
kanas kan nuu obaase,
Arjummaansaa
bara-baraani hoo
Nyaatafi
Uffata keenya kan nuu qopheesse,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Cubbuu
keenya hundummaas kan nuuf obse,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Ulfaataa
dhiigasaa, qulqulluu foonsaa kan nuuf kenne,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Arjummaansaa bara-baraani hoo
hangaa
yeroo kanaattinis kan nu ga’e,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Waaqayyoo
aanga’aaf galanni haa ta’u, maqaan Waaqayyo akka galatoomuuf yeroo hundumaa
hangaa bara-baraatti galanni haa ta’uuf.
5.
Yaa Giiftii keenya maariyaam,nagaan
siif haa ta’u jechaa siif sagadna, bineensaa
hamaarraa akka nu olchituuf si kadhanna, deessuu haadha kee Haannaaf jedhii,
abbaa kee Iyyaaqeemiif jedhii waldaa
keenya har’a nuuf eebbisi.
6. WAAQAYYOON KAN DEESSE
KADHANNAA GIIFTII KEENYA MAARIYAAMII (Luq.
1:46-54)
Maariyaamis jette,
“lubbuun koo Waaqayyoon guddaa ni galateeffatti, afuurri koos Waaqayyo fayyisaa
kootti ni gammaddi. Salphina garbittiisaa argeera’oo. Kunoo har’aa jalqabee
dhaloonni hundumtuu na galateeffatu.
Inni hojii guddaa naaf taasisera’oo. Maqaansaa
qulqulluudha. Dhiifamnisaas warra isa sodaatanirratti dhalootaa hangaa
dhalotaatti.Humnaas irreesaati murteesse. Akka yaada garaasaanitti warra oftuulan
isaan bittinesse.
Warra jabootas tessoosaaniirraa isaan salphise. Warra beela’anis arjummasaatiin qubse. Sooreesotas harka qulla hambise. Dhifamasaa akka yaadatuuf Israa’eel garbichasaa simate.
Abbootti keenya Abrihaamiifi Sanyiisaaf akkuma dubbate.

Hangaa bara-baraatti Ameen!
Wiixataa
kan kadhatamu
Efreem qulqulluun kan barreesse guyyaa Wiixataa kan
kadhatamu
Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Dubroo Maariyaam
Kutaa isa jalqabaa
Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Dubroo Maariyaam
Kutaa isa jalqabaa
1. Gooftaan, kan lapheensaa gadde Addaamiin bilisa baasuu
fi iddoosaa duraatti deebisuuf jaallate.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
fi iddoosaa duraatti deebisuuf jaallate.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
2. Dubroo
Maariyaam irraa sanyii dhiiraa malee fooniin
dhalatee nu fayyise. kan Seexanni dogogorse Hewaaniin “ciniinsuu kee nan sitti
baay’isa” jedhee Waaqayyo itti murteesse. Nama jaallachuusaatiin garuu bilisa ishee baase .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
baay’isa” jedhee Waaqayyo itti murteesse. Nama jaallachuusaatiin garuu bilisa ishee baase .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Nama kan ta’ee fi jechi nurra bule, Iyyasuus
kiristoosi dha.
Kabajasaa isa Abbaa isaaf tokko ta’e ni argine. Cubbuu keenya nuu dhisuuf jaallate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Kabajasaa isa Abbaa isaaf tokko ta’e ni argine. Cubbuu keenya nuu dhisuuf jaallate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Raajichi
Isaayyaas, Afuura qulqulluutiin iccitii Amaanu’eel arge. kanaafis, “Mucaa nuuf dhalate ilmis nuuf
kenname” jedhee dhaggeesisee dubbate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
kenname” jedhee dhaggeesisee dubbate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef yaa namaa gammadi ;
Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga
bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera waaqayyos irreesa nuuf erge .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga
bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera waaqayyos irreesa nuuf erge .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. kan
duraan jiru ture, ammas kan jiraatu,
kan dhufe lammaffaas kan dhufu jechi,
Iyyasuus Kiristoos, otoo hin jijjiiramin gonka nama ta’e. Ilmi tokkichi hojiisaa
hundumaatiin addaan hin baane, Waaqummaan jecha Waaqayyoo tokkodha malese.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Iyyasuus Kiristoos, otoo hin jijjiiramin gonka nama ta’e. Ilmi tokkichi hojiisaa
hundumaatiin addaan hin baane, Waaqummaan jecha Waaqayyoo tokkodha malese.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Yaa
Beetaliheem biyya Raajotaa gammadi
, Addaam inni lammaffaan, Kiristoos
, so keessatti dhalateera’woo;
Nama is a duraa Adaamiin si’oolii gara gannataattii deebisuuf, “yaa Addaam lafa turte gara lafaattis ni deebita”
jedhee murtii du’aa itti murteesse irraa kaasuuf dhalate.
Iddoo cubbuun baay’ee jirtutti kennaan Waaqayyoo in baay’atti.

8. Dhaqni
namoota hundumtuu ni gamaddi “samiirratti
Waaqayyoof galanni haa ta’u,
lafarratiis nagaan dhala namaafis haa ta’u hangs inni eeyyameetti” jedhanii Ergamoota samii
wajjin ni galateeffatuun. Abaarsa duraan ture balleesseera, gorsa diinaas jalaa diige, Addaamiifi Hewaaniif xalayaa du’aa tarsaaseef.
Biyya Daawititti kan dhalate fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos addaamiifii hewaniin bilisa base.

9. Namoota addunyaa kanarra jiraatan hundumaaf kan ibsitu
ibsaan dhugaa , jaalala namaaf jettee gara addunyaa
kanaatti kan dhufte.
Uumamni hundumtuu dhufaatii keeti ni gammadu. Addaamiin dogogorarraa deebisteenii, Hewaaniinis
hidhaa du’aa jalaa baasteenii
, Afuura ittiin dhalannu nuuf kennite, Ergamoota wajjin si galateeffanna.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Uumamni hundumtuu dhufaatii keeti ni gammadu. Addaamiin dogogorarraa deebisteenii, Hewaaniinis
hidhaa du’aa jalaa baasteenii
, Afuura ittiin dhalannu nuuf kennite, Ergamoota wajjin si galateeffanna.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Kibxataa
Kan Kadhatamu
Kibxataa Kan Kadhatamu Gooftaa Keenya kan Deesse
Galata Giiftii Keenya
Durboo MaariyaamKutaa Lammaffaa
Durboo MaariyaamKutaa Lammaffaa
1. Goonfoo of-jajummaa Keenyaa, Jalqabni fayyina keenya, hundeen
qulqullina keenyaa, nuu fayyisuuf nama kan ta’e kan ta’e jecha Waaqayyoo kan nuu deesse Maariyaamiin argame. Ergaa nama ta’een
boodas Waaqa
dhugaadha, Kanaafis durbummaadhaan deesseen. Dandeettiin dahumsashee dinqii
ta’e, kan hin qoratamne dubbatamuuf kan hin danda’amnedha.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Fedhii isaatiin, fedhii Abbaasaatiin, fedhii Afuura
Qulqulluutiin dhufee nu fayyise. Durbummaadhaan
cimtee kan jiraatte yaa Maariyaam
, ulfinniifi galanni durbummaa kee olaanaadha. Waaqayyo waan si wajjin ta’eef ulfina aegatteetta. Samiitii
hanga lafaa geesse Ergamoonnii Waaqayyoo yommuu irra yaabbataniifi bu’an riqaan
Yaa’iqoob arge sidha.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Biqiltuu Ibiddaan osoo hin gubatiin Museen arge sidha.
Kunis, dhufee garaa kee keessa kan bule Ilma
Waaqayyoodha. Ibiddi Waaqummaasaa foon kee hin gubne.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4. Lafti qonnaa sanyiin itti hin facaane sidha; firiin
jireenyaa si keessaa ba’e. Saanduqni yooseef oolchateefi Warqee (Inquu)
ulfaataa kan keessatti argate sidha, Kunis Qorichaa
keenya Iyyesuus Kiristoosidha, addunyaa kana
keessattis Isa deesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Gammachuu Ergamootaa kan ta’e Gooftaa
kan deesse gammadi, Oduu haaraa raajotaa yaa qulqulleettii gammadi, Waaqayyo
waan si wajjin jiruuf ulfina argatteeta’oo, gammadi Addunyaafi namoota hundaaf gammachuu kan ta’e jecha
Ergamichaa fudhatteetta’oo gammadi,
Addunyaa hundumaa kan uume Gooftaa kan deesse gammadi
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6. Dhuguma haadha Waaqayyoo waan jedhamteef gammadi,
yaa fayyistuu Hewaan gammadi. Uumamtootasaa hundumaa kan jiraachisu harma kee waan
isa hoosisteef gammadi.
Haadha dhugoomtota hundumaa yaa qulqulleetti gammadi. Akka nuu kadhattuuf ija keenya gara keetti ol-kaasna.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. yaa
Durboo, yaa qulqulleettii kan Gooftaa deesse nu fayyisuuf
iccitiin dinqii siin kan raawwatame Mootii nuu deessetta, U=uumamtoota bifa
adda addaatiin kan uume, waa’ee Waaqummaasaa dubbachuun nuuf hin danda’amuyyi
haa callisnu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Gara tulluu siinaatti kan ba’e abboommii (seera)
Museef kan kenne, fiixe tullicha hurii, aara, dukkanaafi qilleensaan kan
uffise; warra sodaatanii dhabatanis sagalee faaggaatiin kan dheekkame qaama
jecha Abbaati.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9. Yaa tulluu gad-of qabinsaan dubbatte, kunis gara
keetti kan bu’edha. Nama kan jaallate inni jijjiirama malee sirraa nama ta’e.
Foon akkuma keenya dubbatuun dhuguma nama ta’e. Waaqayyo
Afuura Qulqulluudhaan garaa kee keessa bulee dhuguman nama
ta’e. Addaamiin fayyisuuf cubbuusaas dhisuf, samiirra isa jiraachisuuf baay’ina
dhiifamaafi arjummasaatiin iddoosaa duraatti isa deebisuuf dhalate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
10. Olaantummaa dubroo
Maariyaam dubbachuuf namaaf hin danda’amu.
Gooftaan ishee filateera’oo, Ifa itti dhiyaachuu hin danda’amne keessa kan
jiraatu, inni dhufee ishee keessa bule; ji’a sagal garaashee keessa bule. Kan
hin mul’anneefi hin qoratamne durbummaadhaan isa deesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
11. Raajichi Daani’eel kan arge, dhagichi tulluu
dheeraarraa harka namaa malee ofiisaatiin kan konkolaate; jecha isa Abbaa
irratti ba’eedha; dhufees sanyii dhiiraa malee durboo irraa dhalatee nu
fayyise.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
12. Akkuma fixa(qariqara) qulqulluu taate, hundeen
amantaasidha. Qajeeltuu kan taate amantaan abbootii keenyaa qulqullootaa sidha.
Waaqayyoon kan deessefi durbummaadhaan kan jiraattu yaa
qulqulleetti jecha Abbaa nuu deesse. Iyyesuus
Kiristoos nu fayyisuuf dhufe.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
13. Yaa ulfaattu Gooftaa kan deesse sidha. Jecha hin
mul’anne kan baatte haati ifichaa sidha. Erga isa deessee boodas durbummaadhaan
jiraatteetta’oo. Galata guddaadhaan si galateffatu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
14. Jecha Abbaaf haadha kan taate yaa qulqulleetti durboo
Maariyaam, dubbii waa’ee keef dubbatamu dubbachuu
kan danda’u arraba kamiidha? Teessoo Mootii Kiribeel baatan taate. Yaa
ulfaattuu si galateeffanna, yaa haadha Gooftaa keenyaa Iyyesuus
Kiristoos gugee gaarii maqaa kee dhalootaa
dhaloootatti ni waamna.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
15. Yaa Maariyaam haadhaafi
tajaajiltuu Waaqayyoo kan
taate gammadi.
Isa ati haammatte Ergamoonni ni galateeffatu. Kirubeelis sodaadhaan isaaf
sagadu, Suraafeelis utuu walirraa hin kutin kaattuu saanii diriirsanii “Mootiin
galateeffatamu isa kana baayina dhifamasaatiin cubbuu addunyaa balleessuuf kan
dhufe isa kanadha” jedhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Roobii
Kan Kadhatamu
Roobii Kan Kadhatamu Gooftaa Kan Deesse Galata Giiftii
Keenya Durboo Maariyaam
Kutaa Sadaffaa
Kutaa Sadaffaa
1. Lafa lammaffaa kan taate yaa samii; Ergamoonni Samii “kan eebbifamte” siin jedhu; Dubroon
Maariiyaam balbala baha biiftuutii. Misirroon
ishee qulqulluu kan tahe mana cidhaa qulqulleettiidha. Abbaan samiirra ilaalee
kan akkake hin argannee, kanaafis Ilmasaa tokkiicha garakeetti ergee sirraa
nama ta’e.
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.
2. Waaqa kan deesse yaa Giiftii keenyaa dhaloonni hundumtuu
siin galateeffatuu. Yaa magaalaa Waaqayyoo raajonni dubbii dinqii tahee kan siif dubbatan, mana
bultii Qulqullootaa taateettaa .Mootonni lafaa hundumtuu ifa keetiin deemuu.
Uummataaafii Raajonni isaanii ifa keetiin deemuu.Yaa Maariyaam dhalloonni hundumtuu si galateeffatuu.i Isa sirraa
dhalateefis ni sagaduu, ni galateeffatuu.
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.
3. Biishaan bokkaa kan sirraa argame duumessi dhugaa
sidhaa. Abbaan mallattoo Ilmasaa si taasise; Afuurri Qulqulluun sirraa bulee,
humni Waaqayyoos si golgee, Yaa Maariyaam bara baraan kan jiraattuu jecha Abbaa kan ta’ee Ilma
nuuf deesse, dhufees cubbuurraa nufayyise .Gammachuudhaan missiraachoo kan
himtee Yaa Gabri’eel Ergamaa, ulfinni siif kenname guddaadha, gara
keenyatti kan dhufee Dhaloota Gooftaa nutti himte; Dubroo Maariyaamiiniis “kennaan
kan guutamte Waaqayyoo si wajjiin waan jiruuf gaammadii” jettee missiraachoo itti himte.
Yaa Qulqulleettii nuuf kaadhadhu.
Yaa Qulqulleettii nuuf kaadhadhu.
4. Ayyaanaan (Kennaan) guutamte, Afuurri Qulqulluun sirra
bulee; humni Waaqayyoos si golgee, Yaa
Maariyaam dhugumatti Qulqullicha deesse,addunyaa
hundumaa kan fayyisuu,dhufee nu fayyisee.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5. Arraabni keenya hojii Dubroo ni galateeffataa.
Gooftaafi Fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos ,magaalaa Daawwitiitti isheerraa waan dhalateef, Yaa
namootaa kottaa Waaqa kan deesse Maariyaamiin har’a haa galateeffannu. Haadhaafi Dubroo lamaanuu
taateetti hoo. Mudaa kan hin qabneefi jechi Abbaa dhufee sirraa nama kan ta’e
yaa qulqulleettii Dubroo gaammadii,
qaaniin kan sitti hin jirree, Qulqulluufi xuuraa’inni kan sirra hin jirree, yaa
mudaayii qulqulluu gammadii.
Nama isa duuraa Addaamiif jecha, Addaam lammaffaa kan ta’e Kiristoosiif mana bultoosaa kan taate, Yaa dubbattuu gannataa gaammadii. Abbaasaa wajjin kan jiraatu, tokkicha isaa kan
baaatte gaammadi.
Inni dhufee sirraa nama kan ta’e, yaa qulqulleettii mana cidhaa gaammadi. Ibiddii Waaqummaa kan si hin gubne yaa lalistuu
Phaaxoos gammadi.
Waaqayyoo Kiruubel irra taa’u, Fooniin kan baatte,
tajaajiltuufi haadha, Dubroofi Samii gammadi. Kanaafuu Ergamoota Qulqullaa’oo kan ta’an wajjin
gammachuu guuddaatiin gammannee haa galateeffannuu. Samiirrattiis Waaqayyoof Galannii haa ta’u, lafarrattis araarri haa ta’u haa jennu. ulfinaafi galata Gooftummaasaa kan qabu
inni waan si jaallateefi.
Yaa Qulqulleettii nuuf kaadhadhuu.
Yaa Qulqulleettii nuuf kaadhadhuu.
6. Ulfina Qulqullootaarra ulfina Maariyaamiitu caala. Jecha Abbaa simachuuf qophooftee waan
argamteef , Ergamoonni kan sodaatan tattaafattoonni isaa Samiirratti kan
galateeffatan Dubroon Maariiyaam garaasheetti baattee. Isheen Kiruubeliin ni caalti,
Suraafeeliinis ni caalti, qaama sadan keessaa isa tokkoof mana bultii waan
taateef. Biyyi Raajotaa Iyyaruusaaleem ishee kana. Qulqulloota hundumaaf mana
bultii gammachuu isaaniitii. Uummattaa gaaddidduu dukkanaafii du’aa jala
jiraataniif ifni guddaan ni ifeef. Qulqullootarra bulee kan jiraatuu Waaqayyo nu fayyisuuf Dubroo adda taaterraa nama ta’e. Kottaa
dinqii(raajii ) kana ilaalaa. Iccitii nuuf mul’ateefis Galata galchaa; Nama
ta’uu kan hin mallee nama ta’eeraa; Jechis Foon uffateera. Foon durdurummaa hin
qabne kan duriifi dursa ta’e; Waaqummaan barri hin lakka’amneef baratu
lakka’ameef. Kan hin beekamne ifa ba’ee.Dhugumatti ilmi Waaqayyoo nama ta’e.
Duraan kan ture har’as kan jiru, yoomiyyuu kan jiratu Iyyesuus
Kiristoos akka isaaf sagannuufi galateeffannuuf
inni Waaqa tokkodha.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7. Raajichi Hizqi’eel waa’ee ishee akkana jedhe
raggaasise, “Balbala Dinqii kan ta’e, cufa jabaadhaan kan cufame gara bahaan
nan arge jedhe, Gooftaa jabaa malee garasheetti galee kan bahe hin jiru.” Yaa
qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8. Karris balballis fayyisaa keenya kan deesse Dubroodha.
Ergaa is deessen boodas akkuma duraanii durbummaadhaan waan jiraatteef. Harka
diina keenya isa dhiifama hin qabne jalaa dhufee kan nu baase Gooftaa Keenya
kan nuuf deesse yaa Durboo firiin garaa keetii kan eebbifamedha. Atis kan
eebbifamteedha; Waaqa dhugaa ulfaataa kan ta’e biratti ulfina waan argatteef,
biyya lafaa kanarra kan jiraatan hundumaa caalaa ulfinniifi galanni siif ni
ta’a. Jechi Abbaa dhufee sirraa nama ta’e. Nama wajjiin ni deddeebi’e. Innis Gooftaa
dhiifama namaaf taasisuuf nama kan jaalalatu waan ta’eef dhufaatii addaa ta’een
dhufee nu fayyise. Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Kamisaa
Kan Kadhatamu
Galata Giiftii Keenya Durboo
Maariyaam Kamisaa Kan Kadhatamu
Kutaa Arfaffaa
Kutaa Arfaffaa
1. Mudaa (Xuraa’ina) kan hin qabne giiftii Durboo
Maariyaam lalistuu Museen gammoojjii keessatti
utuu hin gubatin arge fakkaatti. Jechi Abbaa isheerra nama ta’e. Ibiddi
waaqummaas ishee hin giubne. Erga isa deessene boodas durbummaan ishee hin
jijjramne. Innis nama ta’uusaatin Waaqummaan isaa hin hafne. Dhugumatti
Waaqayyodha, dhugumatti Waaqayyo kan ta’e inni dhufee nu fayyise.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
2. MWaaqayyo kan deessee yaa giiftii keenyaa, hundumti keenya si galateeffanna dhiifamni kee
hundaa keenyaaf akka ta’uuf. Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetten abaarsi
duraa namummaa keenyarra bule kan ture isheetiin nuuf hafe, Waaqayyo kan
deessee Dubroo Maariyaam abdii hundaa keenyaati.
Sababa Hewaaniin balballi gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa Durboo Maariyaamiin nuuf baname. Kunnis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata fooniifi dhiigaa Kiristoosidha. . Icciitii dinqii waa’ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda’uu laphee isa kami? Dhaga’uu kan danda’u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta’u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta’e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne. Kanaafuu deessuu waaqayyoo ta’uunshee beekame. Waaqayyo bal’inni ogummaasaa hammam nama haa dinqu? Gadameessi dhiphinafi ciniinsuudhaan akaa deessu itti murta’ee ture argama jireenyaa taatee. Abaarsa namummaa keenyarraaa kan balleessu sanyii dhiira malee nuuf deesse. Kanaafuu “Yaa nama kan jaallatu ulfinni siif haa ta’u arjaafi fayyisaan dhaqna keenyaasidha.” jenne haa galateffannuun.

3. Sanyii dhiira malee waaqayyon kan deesse hojiin garaa
dubroo akkam nama haa dinquu? Ergamichi yoseefitti mul’ate “Afuura
qulqulluudhaan isheerra kan dhalatu utuu hin jijjiramiin nama kan ta’u jechaa
waaqayyodha.” jedhee dhugaa ba’eera. Maariyaam gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse.
Ergaamichi dabale “Ilma ni deessa maqaasaas Amanu’eel jedheen, hiikni isaas Waaqayyo nu wajjin ta’e jechuudha. Lamaffaas lammiisaa
cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humnaaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu
keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraaf galanni isaaf haa ta’u. Nama kan ta’e
isaatiiin Waaqayyo ta’uusaa sirritti isaa beekneera. Dubroo maariyaam irraa
dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu
isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne.
Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate.
Namoonni ogummaa isaaf sagadan, Waaqa waan ta’eef ixaana fidaaniif,mootii waan
ta’eef warqee fidaaniif du’a nuuf jedhee fedhiisaatin fudhateefis
qumbii(karbee) fidaniif, arjaafi nama kan jaalatu isaa qofadha.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
4. Cinaacha Addaam keessa lafee tokko fudhachuun akkam
nama dinqu? Isaarras dubartii uume, uumama nama hundumaas uume. Jechi abaaa
Gooftaa ni kenname. Dubroo adda taateerra dhalatee Amanu’eel jedhame.kanaafuu,
Ilmashee jaallatamaa waliin akka nuu ararsituuf yeroo hundumaa ishee haa
kadhannu. Isheen Qulqullootafi Phaphaasota hundumaa biratti arjaadha, kan isaan
tajaajila deessettifi’oo, raajootafis kan isaaf raajii dubbatan deessettifi’oo,
duuka bu’ootafis maqaasaatiin hanga handara addunyaatti kan barsiisaniif
deessettifi’oo, Wareegamtoonnifi amantoonni kan isaaf qabsuura’an,baay’inni
kennaa ogummaasaa kan hin beekamne.Iyyaasuus Kiristoos Isheerraa
dhalatee’oo,baay’ina dhiifamasaa qorannee haa barru, dhufee nu fayyiseerra’oo.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
5. Waaqayyo Dawwitiif “Sanyii kee keessa teessoo mootummaa
keerraa naan kaa’a” jedhee dhugumatti ni dubbate, ittis hin gabbu. Qulqulluun
Dawwit Kiristoos fooniin isarraa akka dhalatu yeroo amaneetti, bultoo jechaa
Waaqayyoo barbaadee argachuuf jaallate, kanaas tattaaffii cimaadha
raawwate,kana boodas “kunoo efraataatti isaa dhageenye” jedhee Afuura
qulqulluudhaan dhageessisee dubbate. Isheenis
Amanu’eel nu fayyisuuf fooniin irraa dhalachuuf kan ishee filate bultoo
Waaqayyo Yaa’iqoobidha. Lamaffaas raajoota keessa inni tokko Milkiyaas,”Yaa
Beetelihem kutaa efraataa kan taate biyya moototaafi qondaaltota biyya
yihuudaatiin gaditti hin taatu lammii koo Israa’eeliin kan eegu mootiin isa
keessa ni ba’a, “har’aa kaasee hanga bara baraatti arjaa Abbaasaa fi Afuura qulqulluu
wajjin galanni kan ta’uuf waa’ee kiristoos Afuura tokkon raajii kan dubbatan
dubbiin mikiyaasiifi Dawwit akkan nama haa dinqu?
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
6. Mootiin Israa’eel Daawit, yeroo diinoonnisaa isarratti
ka’anii turetti, burqaa bishaan Beetelihemirra dhuguuf hawwe /barbaade.
Ajajoonni loltusaa ariitiidhanan magaalaa diinasarraa kan inni dhuguuf hawwe
bishaan fidaniif. Dawwit qulqulluun garuu isaaf jedhanii du’aaf dabarsanii of
kennuusaanii yommuu argu, bishaan sanan ni dhangalaase, isarraas hin dhugne.
Kana boodas bara baraaf hojii gaarii ta’ee lakkaa’ameef. Wareegamtoonni
dhugumatti miidhagina addunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaanis Waaqayyoof jedhanii
dhangalaasan.Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadha’aa obsan. Yaa Gooftaa akka
baay’inaa dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.
Yaa qulqulleetti nuuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuuf kadhadhu.
7. Sillaasee
qulqulluu keesaa inni tokko Ilmi, salphina keenya
argee, samii samiirras bu’ee gad of qabee dhufee garaa maariyaam keessa bule.
Cubbuu hojjechuurraan kan hafe akkuma keenya nama ta’ee. Akkuma raajoonni
dubbataniifiitti Beetaliheemitti dhalate jaallate nu fayyise, gartuu isaas nu
taasise.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Jimaata
Kan Kadhatamu
Jimaata Kan Kadhatamu Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata
Giiftii Keenyaa Durboo Maariyaam
Kutaa Shanaffaa
Kutaa Shanaffaa
1. Yaa
Maariyaam ati dubartoota keessaa kan
eebbifamtedha. Firriin garaa keetis kan eebbifameedha. Mudaa tokko malee Waaqa
kan deesse Yaa Durboo Maariyaam aduun dhugaa si keessaa bahe, Gooftaan nu uume nuu
dhalate, arjummaa kaattuusaatiin (Koochoosaatiin) ofitti nu dhiyeesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2. Waaqa kan deesse yaa Giiftii keenyaa, haadha ifaa waan
taatef ulfinaan si galateeffanna. Kan eebbifamte, Yaa
durboo Maariyaam ati ergamoota samii ni caalta, ijoollee
Addaam hundumaas ni caalta. Uumama hundumaa ni caalta, kan si fakkaatu hin jiru
ulfinna kee dubbachuu kan danda’u eenyuudha? Gooftaa Kirubeeliifi
Suraafeeliirra bulee jiraatu dhufee waan garaa kee keessa buleef, Yaa Maariyaam ergamoonni si kabaju, Suraafeelis
sigalateeffatu. Nama kan jaallatu inni garasaatti nu simate. Galanniifi ulfinni
kan isaaf ta’u du’a keenya fudhatee jireenyasaa nuuf kenne.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3. Gooftaa kan deesse yaa abdii qulqullootaa durboo
Maariyaam, ati kan eebbifamteedha, firiin garaa
keetiis kan eebbifamedha. Addunyaa kana dura kan ture inni nama ta’e, sirraa
kan dhalate foon keenya uffate, Afuura
Qulqulluus nuu kenne. Baay’ina arjummaasaatiin
fakkaattotasaa nu taasise. Ulfanaafi kennaa kan fudhatan dubartoota hedduurra
ai ni caalta. Yaa Maariyaam Waaqa kan deesse, ati magalaa xiqqoo Waaqayyo
anga’oon si keessa buleeti. Gooftaa Kirubeeliifi
Suraafeelirra jiraatu harka keetti baatte. Baay’ina arjummaasaatiin uumama
foonii hundumaa kan jiraachisu inni harma kee hodhe. Kunis hundumaa kan fayyisu
Waaqa keenyadha. Bara baraaf nu eega, akka isaaf sagadnuufi galateeffannuuf
inni nu uumeera.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
4. Durboon
Maariyaam bultoo urgaafi burqaa bishaan
jireenyaati. Firiin garaashee nama hundumaa fayyiseera’oo. Abaarsa keenyas
nurraa balleesse nu gidduuttis ta’ee fannoosaatiin nuu araarse, du’aa ka’umsa
adda ta’eenis lammaffaa nama gara Gannataatti deebise.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
5. Qulqulleettiin durboo Maariyaam kan amanamte Waaqas
kan deessedha. Dhala namaafis dhiifama kan kadhattudha. Cubbuu keenya akka nuu
dhiisuuf gara kiristoos Ilma keetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
6. Mana qulqullummaa keessatti Durboo
Maariyaam dhageessistee, “Yaa durboo Maariyaam
nagaan siif haa ta’u jedhee ergamichi kabajee kan natti himeen alatti waanan
beeku akkan hin qabne Waaqayyo ni beeka” jette dubbatti ture, kan hin
danda’amne dandeesse, kan hin murtoofneefi homtuu isa murteessuu kan hin
dandeenye garaa keetti murteessite. Kennaan kan guutamte galanni kee ni
baay’ata, ulfinni kee hangana hin qabu. Bultoo jechaa Abbaa taateetta. Gartuu
Kiristaanota kan walitti qabduufi fayyisaa kan ta’an Sillaaseef sagaduu kan barsiiftuuf, golgi bal’aa utubaa ibiddaa
Museen argee kan baatte sidha. Kunis dhufee garaa kee keessa kan bule Ilma
Waaqayyoodha. Gooftaa samiifi lafa uumeef bultoo
taate. Ji’a sagal garaatti isa baatte. Samiifi lafti kan isa hin murteessineef
kan amanamtee sidha. Lafaa gara samiitti ol ba’uuf riqaa taate, Ifni kee ifa
aduu ni caala. Qulqulloonni gammachuu guddaadhaan urjii kan argan sirraa kan
dhalate bahi biiftuu sidha. Kunis dhiphinaafi ciniinsuudhaan akka deessuuf
Hewaanitti kan murteesseedha. “Yaa Maariyaam ati garuu, ayyaanaan kan guutamte gammadi” sagalee jedhu dhaga’uudhaan dhufee kan nu fayyise
Mootii hundumaa kan ta’e nuu deesse. Innis Abbaa dhiifamaafi nama kan
jaallatudha. Kanaafuu, “Yaa Maariyaam ati kan eebbifamtedha, firiin garaa keetis kan
eebbifameedha. Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo si wajjin jira’oo.” jechaa
akkuma ergamaan Gabri’eel sigalateeffate nutis si galateeffannaa.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
Galata
Giiftii Keenyaa Durboo Maariyaam kan Sanbata Duraa Kadhatamu
Kutaa Jahaffaa
1.
Yaa Maariyaam ati Qulqulleettiidh,
eebbifamtuudhasGooftaa harka keen kan qabdeen yaa
Dubroo ati waan hundumaan kan eebbifamtedha.
Uumamtoonni hundumtuu, “Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.” jedhanii sagalee guddaadhaan si wajjin gammadu. Kennaan kan guutamte yaa Durboo gammadi,
Waaqa biratti ulfina waan argattef gammadi, Waaqayyo si wajjin waan jiruuf gammadi.
Simboo kan qabdu yaa Durboo olaantummaa kee ni galateeffana. Fayyinni keenya firii garaa keetiin waan argameef yaa Maariyaam nuti akkuma ergamaa Gabri’eelii,
galata siif dhiyeessina. Gara Abbaasaa gara Waaqayyootti nu dhiyeesse.
Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.

Afuurri Qulqulluu waan sirra buleef,
humni Waaqaas waan
si golgeef ati akkuma mana cidhaa qulqulluudha. Yaa
Maariyaam jechaa Abbaa
bara baraaf jiraatu dhufee cubbuurraa kan nuu fayyise dhugumatti nuuf deesse.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu
bara baraaf jiraatu dhufee cubbuurraa kan nuu fayyise dhugumatti nuuf deesse.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu
3.
Sanyii Daawit keessaa kan argamte
si’idha. Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin fooniin waan deessef addunyaa kana dursee kan ture
Abbaarraa kan dhalate jechi foon nama uffatee WaaqummaasaaYaa
qulqulleetti nuuf kadhadhu.
4.
Yaa Maariyaam mudaa osoo hin qabaatin
Gooftaa kan deesse, aduun dhugaas si keessaa waan baheef ati lafa
lammaffaa Sami taate. Akkuma raajonni raajii
dubbatanitti sanyii dhiiraa malee otoo hin jijjiiramiin Gooftaa deesse.Yaa
Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
5.
Kan filataman keessaa adda kan taate,
Tsillaatiin kakuu kan si keessa jiru, leemmanni Warqeefi nyaata dhokate kan
baatte kan si keessa jiru, godoo /dunkaanni/ dabtaraa sidha. Nyaata kan jedhame
kunis garaa Dubroo Maariyaam
keessa kan bule Ilmaa Waaqayyoodha. Jechi Abbaa ishee irraa dhalatee nama ta’e. Dhufee kan nuu fayyise Mootiin samiifi lafa addunyaa keessatti deesse.Haati Kiristoos hoolaa dubbattu gannataa kan taate ni gammadi.
Bara baraaf kan jiraatu Ilmi Abbaa dhufee nu fayyise.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.

6.
Haadha Mooticha Kiristoos jedhamte.
Erga isa deeseen boodaas durbummaadhaan jiraatte.
Iccitii dinqii ta’een Gooftaa deesse.
Kanaafuu jijiirama malee si eege.Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Erga isa deeseen boodaas durbummaadhaan jiraatte.
Iccitii dinqii ta’een Gooftaa deesse.
Kanaafuu jijiirama malee si eege.Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7.
Riqaan Waaqayyo irra taa’ee yaa’iqoob
arge sidha. Karuma hundumaan qoratamtee bira kan hin ga’amne garaa kee isa
qulqulluu ta’e bira baatteen. Nu fayyisuf jedhee sirraa nama kan ta’e Gooftaa
keenya Iyyesuus biraatti araarsituu nuuf taate.Yaa
Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
8.
Yaa galma eebbifamtuufi qulquluu kan
taate, yaa Yaa Maariyaam kunoo Gooftaa baay’ina dhifamasaatiin addunyaa kan
uume, hundumaa fayyisuuf si’i irraa dhalate. Inni arjaafi nama kan jaallatu
waan ta’eef haa galateeffannun.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
9.
Cubbuu tokko malee Dubroo kan taate,
kennaan kan guutamte, yaa Giiftii keenyaa gammadi. Ati ulfina addunyaa hundumaafi Xoofoo
qulqullooftuudha. Yaa Maariyaam ati ibsa hin dhaamne, Mana qulqullummaa hin
digamnedha. Hirkoo qulqullootaa, uleen amantaa hin jijjiiramne sidha. Cubbuu
keenya akka nu dhiisuuf Ilma kee arjaafi fayyisaa ta’e nuuf kadhu.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
Sanbataa
Kirsitaanaatti Kan Kadhatamu
Guyyaa Sanbataa Kirsitaanaatti Kan Kadhatamu Gooftaa
Keenya Kan Deesse Galata Giiftii Keenya
Durboo Maariyaam
Kutaa Torbaffaa
Durboo Maariyaam
Kutaa Torbaffaa
1. Yaa Maariyaam, dubartoota hundumaa keessaa kan eebbifamte,
jaallamtuus jedhamte. Adda kan ta’an caalaatti adda kan taate, Tsillaattin
seera kakuu ishee keessa jira kan jedhamtu kutaan lamaffaa sidha. Seerri sunis
abboommii kurnaan quba Waaqayyon kan barreeffamanii dha. Otoo hin jijjiraamiin
sirra nama kan ta’e fayyisaan keenya Iyyasuus
Kiristoos maqaasaa isa tolaa ta’e dursee
yawixaatti (jechoota kurnaan)quba Waaqayyoon bareeffaman nutti hime. Kakuu
haaraafis araaarsaa ta’e. Dhangala’uu ulfaata dhigaasaatiin gartuusaa kan taaan
amantoota qulqulleesse.
Yaa qulquulleettii nuuf kadhadhu
Yaa qulquulleettii nuuf kadhadhu
2. Muka daanoon hin nyaannerran kan tolfame Taabonni
keessafi alaan warqeedhaan kan dibame jecha Waaaqayyo isa otoo hin jijjiramiin
nam ta’e fakkaata. Kunis Waaqummaa qulqulluu jijjiiramni itti jirredha. Abbaa
wajjin kan walqixxaatedha. Giiftii keenya Qulqulleettif ofiisaa missirachoo
itti hime. Ogummaasaa adda ta’een sanyii dhiraa malee akkuma keenya nama ta’e
Waaqummaasaan foon uffatee sirraa nama ta’e.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
3. Yaa
Maariyaam fakkii Waaqayyoon kan fakkeeffaman
kiruubeel kan si golgan manni qulqullummaa sidha. Yaa dubroo jechi jijjirama
malee sirraa anma ta’e cubbuu keenya kan nuu dhiisu, gidiraa keenyas kan nurraa
fageessu ta’e.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
4. Nyaanni dhokate kan si keessa jiru, Leemmati warqee
sidha. Nyaanni kunnis,nyaata samiirraa bu’ee addunyaa hundumaaf jireenya
kennudha.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
5. Ibsaa yeroo hundumaa Ifummaa qabu ibsituu warqee kan
baatte sidha. Ibsaan kunis,ifa addunyaadha. Ifichis ifa dhugaa jalqaba hin
qabnerraa kan argame ifa dhugaadha. Waaqa dhugaarraa kan argame Waaqa
dhugaadha. Innis otoo hin jijjiiramiin sirra nama kan ta’edha. Dhufaati
Isaatiinis dukkaana fi gaaddidduu du’aa jala kan jirruuf nuu ibse. Iccitii
ogummaasaa adda ta’eenis foon keenya uffatee yaada laphee keenyaa gara karaa
nagaatti nuuf deebise.
Yaa qulqulleetti nuu kadhadhu.
Yaa qulqulleetti nuu kadhadhu.
6. Eebbifamichi mana qulqullummaa keessaa baatee kan si
baase barbaada ibiddummaa isa qabu kan baatte ultuun warqee sidha. Barbadaa kan
jedhames cubbuu namaa kan haquu fi yakka namaf dhiifama kan kennudha. Innis
sirraa nama kan ta’ee fi aarsaa jaallatamaa taasisee kan of dhiyeesse jechaa
Waaqayyo dha.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu
7. Jecha waaqayyo kan nuu deesse Yaa
Maariyaam gugee toltuu gammadi. Hidda Iseeyyiirraa kan baate habaaboon urgaa tolaa
qabdu sidha.
Yaa qulqulletti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulletti nuuf kadhadhu.
8. Sanyii dhiira malee nama ta’ee kan nu fayyise Gooftaa
keenya isa dhugaa Kiristoosin
kan nuuf deesse yaa Maariyaaam ati akka ulee Aaroon ishee otoo hin dhaabamin,
bishaanis otoo hin dhugiin lalistee argamte fakkaata.
Yaa qulquulleetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulquulleetti nuuf kadhadhu.
9. Yaa
Maariyaam ayyaanaan kan guutamte ati qulqulloota
hundumaa caalaa nuu kadhachuun siif ni ta’a. Ati angafoota Phaaphaasota ni caalta.
Raajotaafi barsiisotas ni caalta. Suraafeeliifi Kirubeel caalaa simboo
jaallatamaa qabda. Dhugumatti abdiin namumaa keenyaa sidha. Isa amanuudhaan
amantaa siiriitiin akka nu jabeessuuf, dhiifamasaas akka nuu kennuuf, baay’ina
arjummaasaatiin cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara Gooftaafi fayyisaa
keenyaatti nuu kadhadhu.
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
10. Kadhannaanshee, ulfinnisheefi arjummaan
ilmashee_________________Wajjin bara baraaf haa jiraatu. Ameen
GALATA
ERGAMOOTAA
GALATA ERGAMOOTAA
1. Ergamoonni golgaa keessattiMaariyaamiin
“Haddaas xaa’iwaa galanni siif haa ta’u” jechaa
ishee galateeffatu. Ergamaan Maariyaamiin “jecha fudhadhu” jedhe “gara kee ni dhufa garaa keettis ni bula”
akkamitti mana hiyyeessatti bula? Akkuma hiyyeessaattis samiirraa bu’ee amalummaashee, amalummasaa taasifatee dhalate.

1. Ji’a
ja’affaattis Gabri’eel ergamaan Waaqayyo Abbaa biraa
ergamee gara biyya Naazreet Galiilaa jedhamtu, gara dubroo Yoseefiif
kaadhimamtee jirtu tokkotti, maqaan dubroo kanaas, Maariyaam jedhamti. Ergamaan gara isheetti seenee akkana jedheen. “Waaqayyo foon kee irraa foon lubbuu kee irraa lubbuu fudhatee waan sirraa nama ta’eef gammachuun siif ni ta’a, ati
dubartoota keessa kan eebbifamtedha.” Sagalee dhageesserraan kan ka’e naatee akkana jette, “Harka fuudhiin galata akkasii akkamitti naaf ta’a?” Ergamichis akkana jedheen “Yaa Maariyaam hin sodatiin Waaqayyoo
bira ulfina argattetta, kuno ni ulfooftaa Ilmaas ni dessa maqaa isaas Iyyesuus jette ni moggafta, Innis Ilmaa Waaqayyoo jabaa jedhama.
Waaqayyoos teessoo Daawit, kan Abbaasaa ni kennaaf, Innis lammii Yaa’iqoobi irratti bara-baraan ni mo’aa, Mootummaansaa dhuma hin qabu”
Maariyaamis Ergamichaan kun waan dinqiidha akkamitti naaf ta’a jette? Ergamichis deebisee akkana jedheen, Afuurri qulqulluu si eega, Humni Waaqayyoos sirra ni bula, kan sirraa dhaltu kunis sadan qulqulluu keessaa qulqulluu isa tokkodha kunoo lammii kee kan taate Elsaabexi osoo dhabduu taatee jirtuu dulluma keessa ulfooftee Ilmaas argatte.
Erga ulfoftees kunoo ji’a ja’a ta’e. Waaqayyof wanti dadhabamu hin jiru’oo.” Maariyaamis Ergamichan “Akkuma jecha keetii naaf haa ta’u ani Waaqayyoof garbiittisaati” jette.

1. Gabri’eel
Ergamaan,
“Yaa Dubroo Maariyaam
Ulfinniifi galanni siif haa ta’u.
“Yaa Dubroo Maariyaam
Ulfinniifi galanni siif haa ta’u.
Waaqa
kan deesse
Galanni siif haa ta’u.
BultooWaaqayyoo waan taateef
Galanni siif haa ta’u.
BultooWaaqayyoo waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Godoo /dunkaana/ miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Obboleettii Ergamootaafi haadha saba hundumaa
Godoo /dunkaana/ miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Obboleettii Ergamootaafi haadha saba hundumaa
Galanni siif haa ta’u
Giiftii hundumaa Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Haadha nageettii Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Giiftii hundumaa Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Haadha nageettii Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Waaqayyoo bultoosaa
akka taatuuf waan si filateef
Galanni siif haa ta’u
Koochoo gugee warqeefi meetiidhan miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Galanni siif haa ta’u
Koochoo gugee warqeefi meetiidhan miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Cinaachikee lalisaa warqeedhaan kan midhage
Galanni siif haa ta’u
Haadha ifaa balbala bahaa
Galanni siif haa ta’u
Aduu irra harka torba kan iftu ulfini kees hundumaan ol kan ta’e
Galanni siif haa ta’u
Galanni siif haa ta’u
Haadha ifaa balbala bahaa
Galanni siif haa ta’u
Aduu irra harka torba kan iftu ulfini kees hundumaan ol kan ta’e
Galanni siif haa ta’u
Yaa Maariyaam kan filataman keessaa kan filatamte;
Galanni siif haa ta’u
Kan kabajaman keessaa kan kabajamte
Galanni siif haa ta’u
Galanni siif haa ta’u
Kan kabajaman keessaa kan kabajamte
Galanni siif haa ta’u
Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyesuus
Kiristoos irraa nuuf kadhadhu, akka nu fayyisuuf
galata Abbaasaatiin Ergamoota qulqullaa’oo waliin yeroo dhufutti; qulqulloota
karaa mirgasaa
Cubbamoota karaa bitaasaa yeroo dhabuu, nuunis wareegamaa Isxfaanoos Yohaannis Cuuphaa wajjin Qulqulootaafi Wareegamtoota hundumaa waliin akka nu dhaabuuf nuuf kadhadhu. Cubbuu keenyaas akka nuuf dhiisuuf bara-baraan Ameen.

Subscribe to:
Posts (Atom)