Sunday, May 3, 2020



KADHANNAA YEROO 
                    HUNDAA

Mallattoo Fannoo Gooftaa Koo Iyyesuus Kiristoosin qaama koo hundumaa yeroo sadii nan mallatteessa.
1.      Waaqa tokko kan ta’an maqaa Abba, kan Ilmaa, Kan Afuura Qulqulluutti,
qulqulluufi ulfaatoo
kan ta’an sadummaatti (
sillaaseetti) amanuufi kadhachuun diina
koo Seexana nan gana, haadha koo mana Kiristiyaanaa kana fuuldura dhaabadheen sigana. Kanaafis ragaan koo
Maariyaamii dha,
Addunyaa kanattis Addunyaa isa dhufuttis ishee dawwoo taasiseen yaa diina koo Seexanaa sin gana.
2.      Yaa Gooftaa si galateeffanna, yaa Gooftaa si Kabajna, yaa Gooftaa sif bitamna, yaa Gooftaa maqaa kee qulqulluu ni galateeffanna.
Jilbi hundumtuu kan siif sagaduu siif sagadnaa; arrabni hundumtuu sif bitama. Waaqni Waaqotaa, Gooftaan Gooftotaa, Mootiin moototaa si’iidha.
Uumaan fooniifi lubbuu sidha. Isinis yeroo kadhattan akkas jedha kadhadhaa jedhee qulqulluun ilmi kee akkuma nu barsiisetti si waammana.
3.      Yaa Abbaa keenya Samiirra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa’u. Mootummaan kee haa dhufu jaalalli kee samiirratti
akkuma ta’e akkasumas
lafarratti haa ta’u. Kan nu ga’u soora keenya ara’aaf ga’u nuuf kenni,
yakka keenyas nuuf dhiisi, nutis kan nu yakkaniif akkuma dhisnuuf, qorumsatti nu hin galchiin; hamaarraa nu oolchi malee,
Mootummaan kan keetti’
oo
humnis galannis bara-baraan Ameen!
4.      Nagaa Ergamaa Gabri’eel qulqulluutiin Yaa Giiftii keenya Maariyaam nagaa siin jenna. Yaada keetiin durboodha, foon keetiinis durboodha.
Yaa hadha Waaqayyoo isa mo’aa siif galanni haa ta’u. Ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha firiin gadameessa keetis kan eebbifameedha. Gammadi yaa ayaana qabeetti
Waaqayyoo si wajjin jira’oo
Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa dhiifama nuuf kadhadhu, cubbuu keenya akka nuuf dhiisuuf. Hangaa bara-baraatti Ameen!
HUNDEE AMANTAA
1.      Hundumaa kan uume Waaqa tokko kan ta’u Waaqayyo Abbaatti ni amanna. Samiifi lafa kan uume, addunyaa mullatu kanaafi kan hin mul’anne osoo hin uumamin, isa wajjin kan ture
Ilma Abbaa kan ta’u Waaqa tokko
Iyyesuus Kiristositti ni amanna; Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame, kan dhalate malee kan hin uumamne, amalummaa isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu, hundumtuu kan isaan
ta’e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta’e hin jiru. Nuu fayyisuuf samiirraa gad bu’e, hojii Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti dubroo Maariyaamirraa nama ta’e.
Nuuf jedhee fannifame, bara Philaaxoos Pheenxichaattis rakkina arge, du’e awwaalame, guyyaa sadaffaattis du’a mo’ee ka’e; akkuma ktaabolii qulqullaa’ootti barreeffame, ulfinaafi galataan gara samiitti ol ba’e,
mirga Abbaasaa taa’e; lammaffaas warra du’aniifi jiraattota irratti murteessuf
galataan ni dhufa. Mootummaansaas dhuma hin qabu. Afuura qulqulluutti ni amannaa, Innis Gooftaa jireenya nuuf kennudha, Abbaarraa kan ba’e, Abbaafi Ilma wajjin tokkummaatti ni sagadnaaf, ni galateeffannaan.
Innis, Raajotarra bulee kan dubateedha. Hundumaan ol kan taate Duuka bu’oonni kan walitti qaban(hundessaan) ulfaattuu mana Kiristaanaa tokkittiitti ni amanna. Cubbuun kan ittiin haqamu Cuuphaa tokkittiitis ni amanna; Warri du’aan akka ka’aan ni abdannaa, jireenya isa dhufuf hangaa bara-baraatti Ameen.
2.      Yaa Waaqayyo Mooticha, Qulqullu, Qulqulluu Qulqulluujedhamtee ni galateeffamta. Galanni kees samiifi lafarratti kan guutedha. Yaa Kiristoos siif sagadna, arjaa Abbaa kee isa samii wajjin, fayyisaa kan ta’e afuura Qulqulluu wajjinis siif sagadna. Gara Addunyaa kanaatti dhuftee nu fayyisteetta’oo.
3.      Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf sagada tokkittii nan sagadaf (3x) tokko yommuu ta’an sadii, sadii yemmuu ta’an tokko, Qaamaan sadii yemmuu ta’an Waaqummaadhaan tokko kan ta’aniif nan sagada.
Giiftii Keenya durboo
Maariyaamiif nan sagada.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristooskan itti fannifame fannoosaaf nan sagada. Fannoonsaa humnaa keenya, humni keenya fannoosaatti kan nuu jabeessu fannoosaati, fannoonsaa furaa keenyadha. Fannoonsaa fayyisaa lubbuu keenyatti, warri Yihudotaa ni ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni faayyina, Fayyineerrasii!
4.      Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u, Afuura qulqulluufis galanni haa ta’u (3x.Dhugaadhaa Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluufis galanni haa ta’u.(3x)Waaqayyoon kan deesse Giiftii keenya durboo Maariyaamiif galanni haa ta’u.Dhugaadha Waaqayyoon kan deesse Giiftii keenya durboo Maariyaamif galanni haa ta’u.
Fannoo Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiifis galanni haa ta’u.
Dhugaadha Fannoo gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosifgalanni haa ta’u.
Kiristoos dhifaamasaatin akka nu yaadatuuf,
Ameen
Dhufaatiisaa isa lammaffaattis akka nu hin qaanessineef,
Ameen
Maqaasaa galateffachuf akka nu dammaqsuuf,
Ameen
Isa Waaqeffachuuttis akka nu cimsuuf,
Ameen
Yaa Giiftii keenya kadhannaa keenya ol-nuuf baasi,
Ameen
Cubbuu keenyas nuuf dhiisisi,
Ameen
Tessoo gooftaa keenya fuula durattis kadhannaa keenya nuuf dhiyeessi,
Ameen
Nyaata kana kan nu nyaachise,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Xoofoo kanas kan nuu obaase,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Nyaatafi Uffata keenya kan nuu qopheesse,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Cubbuu keenya hundummaas kan nuuf obse,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Ulfaataa dhiigasaa, qulqulluu foonsaa kan nuuf kenne,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
hangaa yeroo kanaattinis kan nu ga’e,
Arjummaansaa bara-baraani hoo
Waaqayyoo aanga’aaf galanni haa ta’u, maqaan Waaqayyo akka galatoomuuf yeroo hundumaa hangaa bara-baraatti galanni haa ta’uuf.
5.      Yaa Giiftii keenya maariyaam,nagaan siif haa ta’u jechaa siif sagadna, bineensaa hamaarraa akka nu olchituuf si kadhanna, deessuu haadha kee Haannaaf jedhii, abbaa kee Iyyaaqeemiif jedhii waldaa keenya har’a nuuf eebbisi.
6.      WAAQAYYOON KAN DEESSE KADHANNAA GIIFTII KEENYA MAARIYAAMII (Luq. 1:46-54)
Maariyaamis jette, “lubbuun koo Waaqayyoon guddaa ni galateeffatti, afuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti ni gammaddi. Salphina garbittiisaa argeera’oo. Kunoo har’aa jalqabee dhaloonni hundumtuu na galateeffatu.
Inni hojii guddaa naaf taasisera’oo. Maqaansaa qulqulluudha. Dhiifamnisaas warra isa sodaatanirratti dhalootaa hangaa dhalotaatti.Humnaas irreesaati murteesse. Akka yaada garaasaanitti warra oftuulan isaan bittinesse.
Warra jabootas tessoosaaniirraa isaan salphise. Warra beela’anis arjummasaatiin qubse. Sooreesotas harka qulla hambise. Dhifamasaa akka yaadatuuf Israa’eel garbichasaa simate.
Abbootti keenya Abrihaamiifi Sanyiisaaf akkuma dubbate.
Hangaa bara-baraatti Ameen!
Wiixataa kan kadhatamu
Efreem qulqulluun kan barreesse guyyaa Wiixataa kan kadhatamu
Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Dubroo Maariyaam
Kutaa isa jalqabaa
1.      Gooftaan, kan lapheensaa gadde Addaamiin bilisa baasuu
fi iddoosaa duraatti deebisuuf jaallate.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
2.      Dubroo Maariyaam irraa sanyii dhiiraa malee fooniin dhalatee nu fayyise. kan Seexanni dogogorse Hewaaniin “ciniinsuu kee nan sitti
baay’isa”
jedhee
Waaqayyo itti murteesse. Nama jaallachuusaatiin garuu bilisa ishee baase .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3.      Nama kan ta’ee fi jechi nurra bule, Iyyasuus kiristoosi dha.
Kabajasaa isa Abbaa isaaf tokko ta’e ni argine. Cubbuu keenya nuu dhisuuf jaallate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4.      Raajichi Isaayyaas, Afuura qulqulluutiin iccitii Amaanu’eel arge. kanaafis, “Mucaa nuuf dhalate ilmis nuuf
kenname” jedhee dhaggeesisee dubbate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5.      Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef yaa namaa gammadi ;
Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga
bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera waaqayyos irreesa nuuf erge .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6.      kan duraan jiru ture, ammas kan jiraatu, kan dhufe lammaffaas kan dhufu jechi,
Iyyasuus Kiristoos, otoo hin jijjiiramin gonka nama ta’e. Ilmi tokkichi hojiisaa
hundumaatiin addaan hin baane, Waaqummaan jecha
Waaqayyoo tokkodha malese.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7.      Yaa Beetaliheem biyya Raajotaa gammadi , Addaam inni lammaffaan, Kiristoos
, so keessatti dhalateera’woo;
Nama is a duraa Adaamiin si’oolii gara gannataattii deebisuuf,
“yaa Addaam lafa turte gara lafaattis ni deebita”
jedhee murtii du’aa itti murteesse irraa kaasuuf dhalate.
Iddoo cubbuun baay’ee jirtutti kennaan
Waaqayyoo in baay’atti.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8.      Dhaqni namoota hundumtuu ni gamaddi “samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta’u,
lafarratiis nagaan dhala namaafis haa ta’u hangs inni eeyyameetti” jedhanii Ergamoota samii
wajjin ni galateeffatuun. Abaarsa duraan ture balleesseera, gorsa diinaas jalaa diige, Addaamiifi Hewaaniif xalayaa du’aa tarsaaseef.
Biyya Daawititti kan dhalate fayyisaan keenya
Iyyesuus Kiristoos addaamiifii hewaniin bilisa base.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9.      Namoota addunyaa kanarra jiraatan hundumaaf kan ibsitu ibsaan dhugaa , jaalala namaaf jettee gara addunyaa kanaatti kan dhufte.
Uumamni hundumtuu dhufaatii keeti ni
gammadu. Addaamiin dogogorarraa deebisteenii, Hewaaniinis
hidhaa du’aa jalaa baasteenii
, Afuura ittiin dhalannu nuuf kennite, Ergamoota wajjin si galateeffanna.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.

Kibxataa Kan Kadhatamu
Kibxataa Kan Kadhatamu Gooftaa Keenya kan Deesse Galata Giiftii Keenya
Durboo MaariyaamKutaa Lammaffaa
1.      Goonfoo of-jajummaa Keenyaa, Jalqabni fayyina keenya, hundeen qulqullina keenyaa, nuu fayyisuuf nama kan ta’e kan ta’e jecha Waaqayyoo kan nuu deesse Maariyaamiin argame. Ergaa nama ta’een boodas Waaqa dhugaadha, Kanaafis durbummaadhaan deesseen. Dandeettiin dahumsashee dinqii ta’e, kan hin qoratamne dubbatamuuf kan hin danda’amnedha.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2.      Fedhii isaatiin, fedhii Abbaasaatiin, fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nu fayyise. Durbummaadhaan cimtee kan jiraatte yaa Maariyaam , ulfinniifi galanni durbummaa kee olaanaadha. Waaqayyo waan si wajjin ta’eef ulfina aegatteetta. Samiitii hanga lafaa geesse Ergamoonnii Waaqayyoo yommuu irra yaabbataniifi bu’an riqaan Yaa’iqoob arge sidha.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3.      Biqiltuu Ibiddaan osoo hin gubatiin Museen arge sidha. Kunis, dhufee garaa kee keessa kan bule Ilma Waaqayyoodha. Ibiddi Waaqummaasaa foon kee hin gubne.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
4.      Lafti qonnaa sanyiin itti hin facaane sidha; firiin jireenyaa si keessaa ba’e. Saanduqni yooseef oolchateefi Warqee (Inquu) ulfaataa kan keessatti argate sidha, Kunis Qorichaa keenya Iyyesuus Kiristoosidha, addunyaa kana keessattis Isa deesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5.      Gammachuu Ergamootaa kan ta’e Gooftaa kan deesse gammadi, Oduu haaraa raajotaa yaa qulqulleettii gammadi, Waaqayyo waan si wajjin jiruuf ulfina argatteeta’oo, gammadi Addunyaafi namoota hundaaf gammachuu kan ta’e jecha Ergamichaa fudhatteetta’oo gammadi, Addunyaa hundumaa kan uume Gooftaa kan deesse gammadi
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
6.      Dhuguma haadha Waaqayyoo waan jedhamteef gammadi, yaa fayyistuu Hewaan gammadi. Uumamtootasaa hundumaa kan jiraachisu harma kee waan isa hoosisteef gammadi. Haadha dhugoomtota hundumaa yaa qulqulleetti gammadi. Akka nuu kadhattuuf ija keenya gara keetti ol-kaasna.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7.      yaa Durboo, yaa qulqulleettii kan Gooftaa deesse nu fayyisuuf iccitiin dinqii siin kan raawwatame Mootii nuu deessetta, U=uumamtoota bifa adda addaatiin kan uume, waa’ee Waaqummaasaa dubbachuun nuuf hin danda’amuyyi haa callisnu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8.      Gara tulluu siinaatti kan ba’e abboommii (seera) Museef kan kenne, fiixe tullicha hurii, aara, dukkanaafi qilleensaan kan uffise; warra sodaatanii dhabatanis sagalee faaggaatiin kan dheekkame qaama jecha Abbaati.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
9.      Yaa tulluu gad-of qabinsaan dubbatte, kunis gara keetti kan bu’edha. Nama kan jaallate inni jijjiirama malee sirraa nama ta’e. Foon akkuma keenya dubbatuun dhuguma nama ta’e. Waaqayyo Afuura Qulqulluudhaan garaa kee keessa bulee dhuguman nama ta’e. Addaamiin fayyisuuf cubbuusaas dhisuf, samiirra isa jiraachisuuf baay’ina dhiifamaafi arjummasaatiin iddoosaa duraatti isa deebisuuf dhalate.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
10.  Olaantummaa dubroo Maariyaam dubbachuuf namaaf hin danda’amu. Gooftaan ishee filateera’oo, Ifa itti dhiyaachuu hin danda’amne keessa kan jiraatu, inni dhufee ishee keessa bule; ji’a sagal garaashee keessa bule. Kan hin mul’anneefi hin qoratamne durbummaadhaan isa deesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
11.  Raajichi Daani’eel kan arge, dhagichi tulluu dheeraarraa harka namaa malee ofiisaatiin kan konkolaate; jecha isa Abbaa irratti ba’eedha; dhufees sanyii dhiiraa malee durboo irraa dhalatee nu fayyise.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
12.  Akkuma fixa(qariqara) qulqulluu taate, hundeen amantaasidha. Qajeeltuu kan taate amantaan abbootii keenyaa qulqullootaa sidha. Waaqayyoon kan deessefi durbummaadhaan kan jiraattu yaa qulqulleetti jecha Abbaa nuu deesse. Iyyesuus Kiristoos nu fayyisuuf dhufe.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
13.  Yaa ulfaattu Gooftaa kan deesse sidha. Jecha hin mul’anne kan baatte haati ifichaa sidha. Erga isa deessee boodas durbummaadhaan jiraatteetta’oo. Galata guddaadhaan si galateffatu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
14.  Jecha Abbaaf haadha kan taate yaa qulqulleetti durboo Maariyaam, dubbii waa’ee keef dubbatamu dubbachuu kan danda’u arraba kamiidha? Teessoo Mootii Kiribeel baatan taate. Yaa ulfaattuu si galateeffanna, yaa haadha Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos gugee gaarii maqaa kee dhalootaa dhaloootatti ni waamna.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
15.  Yaa Maariyaam haadhaafi tajaajiltuu Waaqayyoo kan taate gammadi. Isa ati haammatte Ergamoonni ni galateeffatu. Kirubeelis sodaadhaan isaaf sagadu, Suraafeelis utuu walirraa hin kutin kaattuu saanii diriirsanii “Mootiin galateeffatamu isa kana baayina dhifamasaatiin cubbuu addunyaa balleessuuf kan dhufe isa kanadha” jedhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.

Roobii Kan Kadhatamu
Roobii Kan Kadhatamu Gooftaa Kan Deesse Galata Giiftii Keenya Durboo Maariyaam
Kutaa Sadaffaa
1.      Lafa lammaffaa kan taate yaa samii; Ergamoonni Samii “kan eebbifamte” siin jedhu; Dubroon Maariiyaam balbala baha biiftuutii. Misirroon ishee qulqulluu kan tahe mana cidhaa qulqulleettiidha. Abbaan samiirra ilaalee kan akkake hin argannee, kanaafis Ilmasaa tokkiicha garakeetti ergee sirraa nama ta’e.
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.
2.      Waaqa kan deesse yaa Giiftii keenyaa dhaloonni hundumtuu siin galateeffatuu. Yaa magaalaa Waaqayyoo raajonni dubbii dinqii tahee kan siif dubbatan, mana bultii Qulqullootaa taateettaa .Mootonni lafaa hundumtuu ifa keetiin deemuu. Uummataaafii Raajonni isaanii ifa keetiin deemuu.Yaa Maariyaam dhalloonni hundumtuu si galateeffatuu.i Isa sirraa dhalateefis ni sagaduu, ni galateeffatuu.
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.
3.      Biishaan bokkaa kan sirraa argame duumessi dhugaa sidhaa. Abbaan mallattoo Ilmasaa si taasise; Afuurri Qulqulluun sirraa bulee, humni Waaqayyoos si golgee, Yaa Maariyaam bara baraan kan jiraattuu jecha Abbaa kan ta’ee Ilma nuuf deesse, dhufees cubbuurraa nufayyise .Gammachuudhaan missiraachoo kan himtee Yaa Gabri’eel Ergamaa, ulfinni siif kenname guddaadha, gara keenyatti kan dhufee Dhaloota Gooftaa nutti himte; Dubroo Maariyaamiiniis “kennaan kan guutamte Waaqayyoo si wajjiin waan jiruuf gaammadii” jettee missiraachoo itti himte.
Yaa Qulqulleettii nuuf kaadhadhu.
4.      Ayyaanaan (Kennaan) guutamte, Afuurri Qulqulluun sirra bulee; humni Waaqayyoos si golgee, Yaa Maariyaam dhugumatti Qulqullicha deesse,addunyaa hundumaa kan fayyisuu,dhufee nu fayyisee.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
5.      Arraabni keenya hojii Dubroo ni galateeffataa. Gooftaafi Fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos ,magaalaa Daawwitiitti isheerraa waan dhalateef, Yaa namootaa kottaa Waaqa kan deesse Maariyaamiin har’a haa galateeffannu. Haadhaafi Dubroo lamaanuu taateetti hoo. Mudaa kan hin qabneefi jechi Abbaa dhufee sirraa nama kan ta’e yaa qulqulleettii Dubroo gaammadii, qaaniin kan sitti hin jirree, Qulqulluufi xuuraa’inni kan sirra hin jirree, yaa mudaayii qulqulluu gammadii. Nama isa duuraa Addaamiif jecha, Addaam lammaffaa kan ta’e Kiristoosiif mana bultoosaa kan taate, Yaa dubbattuu gannataa gaammadii. Abbaasaa wajjin kan jiraatu, tokkicha isaa kan baaatte gaammadi. Inni dhufee sirraa nama kan ta’e, yaa qulqulleettii mana cidhaa gaammadi. Ibiddii Waaqummaa kan si hin gubne yaa lalistuu Phaaxoos gammadi. Waaqayyoo Kiruubel irra taa’u, Fooniin kan baatte, tajaajiltuufi haadha, Dubroofi Samii gammadi. Kanaafuu Ergamoota Qulqullaa’oo kan ta’an wajjin gammachuu guuddaatiin gammannee haa galateeffannuu. Samiirrattiis Waaqayyoof Galannii haa ta’u, lafarrattis araarri haa ta’u haa jennu. ulfinaafi galata Gooftummaasaa kan qabu inni waan si jaallateefi.
Yaa Qulqulleettii nuuf kaadhadhuu.
6.      Ulfina Qulqullootaarra ulfina Maariyaamiitu caala. Jecha Abbaa simachuuf qophooftee waan argamteef , Ergamoonni kan sodaatan tattaafattoonni isaa Samiirratti kan galateeffatan Dubroon Maariiyaam garaasheetti baattee. Isheen Kiruubeliin ni caalti, Suraafeeliinis ni caalti, qaama sadan keessaa isa tokkoof mana bultii waan taateef. Biyyi Raajotaa Iyyaruusaaleem ishee kana. Qulqulloota hundumaaf mana bultii gammachuu isaaniitii. Uummattaa gaaddidduu dukkanaafii du’aa jala jiraataniif ifni guddaan ni ifeef. Qulqullootarra bulee kan jiraatuu Waaqayyo nu fayyisuuf Dubroo adda taaterraa nama ta’e. Kottaa dinqii(raajii ) kana ilaalaa. Iccitii nuuf mul’ateefis Galata galchaa; Nama ta’uu kan hin mallee nama ta’eeraa; Jechis Foon uffateera. Foon durdurummaa hin qabne kan duriifi dursa ta’e; Waaqummaan barri hin lakka’amneef baratu lakka’ameef. Kan hin beekamne ifa ba’ee.Dhugumatti ilmi Waaqayyoo nama ta’e. Duraan kan ture har’as kan jiru, yoomiyyuu kan jiratu Iyyesuus Kiristoos akka isaaf sagannuufi galateeffannuuf inni Waaqa tokkodha.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7.      Raajichi Hizqi’eel waa’ee ishee akkana jedhe raggaasise, “Balbala Dinqii kan ta’e, cufa jabaadhaan kan cufame gara bahaan nan arge jedhe, Gooftaa jabaa malee garasheetti galee kan bahe hin jiru.” Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
8.      Karris balballis fayyisaa keenya kan deesse Dubroodha. Ergaa is deessen boodas akkuma duraanii durbummaadhaan waan jiraatteef. Harka diina keenya isa dhiifama hin qabne jalaa dhufee kan nu baase Gooftaa Keenya kan nuuf deesse yaa Durboo firiin garaa keetii kan eebbifamedha. Atis kan eebbifamteedha; Waaqa dhugaa ulfaataa kan ta’e biratti ulfina waan argatteef, biyya lafaa kanarra kan jiraatan hundumaa caalaa ulfinniifi galanni siif ni ta’a. Jechi Abbaa dhufee sirraa nama ta’e. Nama wajjiin ni deddeebi’e. Innis Gooftaa dhiifama namaaf taasisuuf nama kan jaalalatu waan ta’eef dhufaatii addaa ta’een dhufee nu fayyise. Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.

Kamisaa Kan Kadhatamu
Galata Giiftii Keenya Durboo Maariyaam Kamisaa Kan Kadhatamu
Kutaa Arfaffaa
1.      Mudaa (Xuraa’ina) kan hin qabne giiftii Durboo Maariyaam lalistuu Museen gammoojjii keessatti utuu hin gubatin arge fakkaatti. Jechi Abbaa isheerra nama ta’e. Ibiddi waaqummaas ishee hin giubne. Erga isa deessene boodas durbummaan ishee hin jijjramne. Innis nama ta’uusaatin Waaqummaan isaa hin hafne. Dhugumatti Waaqayyodha, dhugumatti Waaqayyo kan ta’e inni dhufee nu fayyise.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
2.      MWaaqayyo kan deessee yaa giiftii keenyaa, hundumti keenya si galateeffanna dhiifamni kee hundaa keenyaaf akka ta’uuf. Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetten abaarsi duraa namummaa keenyarra bule kan ture isheetiin nuuf hafe, Waaqayyo kan deessee Dubroo Maariyaam abdii hundaa keenyaati.
Sababa Hewaaniin balballi gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa
Durboo Maariyaamiin nuuf baname. Kunnis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata fooniifi dhiigaa Kiristoosidha. . Icciitii dinqii waa’ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda’uu laphee isa kami? Dhaga’uu kan danda’u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta’u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta’e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne. Kanaafuu deessuu waaqayyoo ta’uunshee beekame. Waaqayyo bal’inni ogummaasaa hammam nama haa dinqu? Gadameessi dhiphinafi ciniinsuudhaan akaa deessu itti murta’ee ture argama jireenyaa taatee. Abaarsa namummaa keenyarraaa kan balleessu sanyii dhiira malee nuuf deesse. Kanaafuu “Yaa nama kan jaallatu ulfinni siif haa ta’u arjaafi fayyisaan dhaqna keenyaasidha.” jenne haa galateffannuun.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
3.      Sanyii dhiira malee waaqayyon kan deesse hojiin garaa dubroo akkam nama haa dinquu? Ergamichi yoseefitti mul’ate “Afuura qulqulluudhaan isheerra kan dhalatu utuu hin jijjiramiin nama kan ta’u jechaa waaqayyodha.” jedhee dhugaa ba’eera. Maariyaam gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse. Ergaamichi dabale “Ilma ni deessa maqaasaas Amanu’eel jedheen, hiikni isaas Waaqayyo nu wajjin ta’e jechuudha. Lamaffaas lammiisaa cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humnaaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraaf galanni isaaf haa ta’u. Nama kan ta’e isaatiiin Waaqayyo ta’uusaa sirritti isaa beekneera. Dubroo maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate. Namoonni ogummaa isaaf sagadan, Waaqa waan ta’eef ixaana fidaaniif,mootii waan ta’eef warqee fidaaniif du’a nuuf jedhee fedhiisaatin fudhateefis qumbii(karbee) fidaniif, arjaafi nama kan jaalatu isaa qofadha.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
4.      Cinaacha Addaam keessa lafee tokko fudhachuun akkam nama dinqu? Isaarras dubartii uume, uumama nama hundumaas uume. Jechi abaaa Gooftaa ni kenname. Dubroo adda taateerra dhalatee Amanu’eel jedhame.kanaafuu, Ilmashee jaallatamaa waliin akka nuu ararsituuf yeroo hundumaa ishee haa kadhannu. Isheen Qulqullootafi Phaphaasota hundumaa biratti arjaadha, kan isaan tajaajila deessettifi’oo, raajootafis kan isaaf raajii dubbatan deessettifi’oo, duuka bu’ootafis maqaasaatiin hanga handara addunyaatti kan barsiisaniif deessettifi’oo, Wareegamtoonnifi amantoonni kan isaaf qabsuura’an,baay’inni kennaa ogummaasaa kan hin beekamne.Iyyaasuus Kiristoos Isheerraa dhalatee’oo,baay’ina dhiifamasaa qorannee haa barru, dhufee nu fayyiseerra’oo.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
5.      Waaqayyo Dawwitiif “Sanyii kee keessa teessoo mootummaa keerraa naan kaa’a” jedhee dhugumatti ni dubbate, ittis hin gabbu. Qulqulluun Dawwit Kiristoos fooniin isarraa akka dhalatu yeroo amaneetti, bultoo jechaa Waaqayyoo barbaadee argachuuf jaallate, kanaas tattaaffii cimaadha raawwate,kana boodas “kunoo efraataatti isaa dhageenye” jedhee Afuura qulqulluudhaan dhageessisee dubbate. Isheenis Amanu’eel nu fayyisuuf fooniin irraa dhalachuuf kan ishee filate bultoo Waaqayyo Yaa’iqoobidha. Lamaffaas raajoota keessa inni tokko Milkiyaas,”Yaa Beetelihem kutaa efraataa kan taate biyya moototaafi qondaaltota biyya yihuudaatiin gaditti hin taatu lammii koo Israa’eeliin kan eegu mootiin isa keessa ni ba’a, “har’aa kaasee hanga bara baraatti arjaa Abbaasaa fi Afuura qulqulluu wajjin galanni kan ta’uuf waa’ee kiristoos Afuura tokkon raajii kan dubbatan dubbiin mikiyaasiifi Dawwit akkan nama haa dinqu?
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
6.      Mootiin Israa’eel Daawit, yeroo diinoonnisaa isarratti ka’anii turetti, burqaa bishaan Beetelihemirra dhuguuf hawwe /barbaade. Ajajoonni loltusaa ariitiidhanan magaalaa diinasarraa kan inni dhuguuf hawwe bishaan fidaniif. Dawwit qulqulluun garuu isaaf jedhanii du’aaf dabarsanii of kennuusaanii yommuu argu, bishaan sanan ni dhangalaase, isarraas hin dhugne. Kana boodas bara baraaf hojii gaarii ta’ee lakkaa’ameef. Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina addunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaanis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan.Mootummaa Waaqayyoofis du’a hadha’aa obsan. Yaa Gooftaa akka baay’inaa dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.
Yaa qulqulleetti nuuuf kadhadhu.
7.      Sillaasee qulqulluu keesaa inni tokko Ilmi, salphina keenya argee, samii samiirras bu’ee gad of qabee dhufee garaa maariyaam keessa bule. Cubbuu hojjechuurraan kan hafe akkuma keenya nama ta’ee. Akkuma raajoonni dubbataniifiitti Beetaliheemitti dhalate jaallate nu fayyise, gartuu isaas nu taasise.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.

Jimaata Kan Kadhatamu
Jimaata Kan Kadhatamu Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Giiftii Keenyaa Durboo Maariyaam
Kutaa Shanaffaa
1.      Yaa Maariyaam ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha. Firriin garaa keetis kan eebbifameedha. Mudaa tokko malee Waaqa kan deesse Yaa Durboo Maariyaam aduun dhugaa si keessaa bahe, Gooftaan nu uume nuu dhalate, arjummaa kaattuusaatiin (Koochoosaatiin) ofitti nu dhiyeesse.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
2.      Waaqa kan deesse yaa Giiftii keenyaa, haadha ifaa waan taatef ulfinaan si galateeffanna. Kan eebbifamte, Yaa durboo Maariyaam ati ergamoota samii ni caalta, ijoollee Addaam hundumaas ni caalta. Uumama hundumaa ni caalta, kan si fakkaatu hin jiru ulfinna kee dubbachuu kan danda’u eenyuudha? Gooftaa Kirubeeliifi Suraafeeliirra bulee jiraatu dhufee waan garaa kee keessa buleef, Yaa Maariyaam ergamoonni si kabaju, Suraafeelis sigalateeffatu. Nama kan jaallatu inni garasaatti nu simate. Galanniifi ulfinni kan isaaf ta’u du’a keenya fudhatee jireenyasaa nuuf kenne.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
3.      Gooftaa kan deesse yaa abdii qulqullootaa durboo Maariyaam, ati kan eebbifamteedha, firiin garaa keetiis kan eebbifamedha. Addunyaa kana dura kan ture inni nama ta’e, sirraa kan dhalate foon keenya uffate, Afuura Qulqulluus nuu kenne. Baay’ina arjummaasaatiin fakkaattotasaa nu taasise. Ulfanaafi kennaa kan fudhatan dubartoota hedduurra ai ni caalta. Yaa Maariyaam Waaqa kan deesse, ati magalaa xiqqoo Waaqayyo anga’oon si keessa buleeti. Gooftaa Kirubeeliifi Suraafeelirra jiraatu harka keetti baatte. Baay’ina arjummaasaatiin uumama foonii hundumaa kan jiraachisu inni harma kee hodhe. Kunis hundumaa kan fayyisu Waaqa keenyadha. Bara baraaf nu eega, akka isaaf sagadnuufi galateeffannuuf inni nu uumeera.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
4.      Durboon Maariyaam bultoo urgaafi burqaa bishaan jireenyaati. Firiin garaashee nama hundumaa fayyiseera’oo. Abaarsa keenyas nurraa balleesse nu gidduuttis ta’ee fannoosaatiin nuu araarse, du’aa ka’umsa adda ta’eenis lammaffaa nama gara Gannataatti deebise.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
5.      Qulqulleettiin durboo Maariyaam kan amanamte Waaqas kan deessedha. Dhala namaafis dhiifama kan kadhattudha. Cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara kiristoos Ilma keetti nuuf kadhadhu.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu
6.      Mana qulqullummaa keessatti Durboo Maariyaam dhageessistee, “Yaa durboo Maariyaam nagaan siif haa ta’u jedhee ergamichi kabajee kan natti himeen alatti waanan beeku akkan hin qabne Waaqayyo ni beeka” jette dubbatti ture, kan hin danda’amne dandeesse, kan hin murtoofneefi homtuu isa murteessuu kan hin dandeenye garaa keetti murteessite. Kennaan kan guutamte galanni kee ni baay’ata, ulfinni kee hangana hin qabu. Bultoo jechaa Abbaa taateetta. Gartuu Kiristaanota kan walitti qabduufi fayyisaa kan ta’an Sillaaseef sagaduu kan barsiiftuuf, golgi bal’aa utubaa ibiddaa Museen argee kan baatte sidha. Kunis dhufee garaa kee keessa kan bule Ilma Waaqayyoodha. Gooftaa samiifi lafa uumeef bultoo taate. Ji’a sagal garaatti isa baatte. Samiifi lafti kan isa hin murteessineef kan amanamtee sidha. Lafaa gara samiitti ol ba’uuf riqaa taate, Ifni kee ifa aduu ni caala. Qulqulloonni gammachuu guddaadhaan urjii kan argan sirraa kan dhalate bahi biiftuu sidha. Kunis dhiphinaafi ciniinsuudhaan akka deessuuf Hewaanitti kan murteesseedha. “Yaa Maariyaam ati garuu, ayyaanaan kan guutamte gammadi” sagalee jedhu dhaga’uudhaan dhufee kan nu fayyise Mootii hundumaa kan ta’e nuu deesse. Innis Abbaa dhiifamaafi nama kan jaallatudha. Kanaafuu, “Yaa Maariyaam ati kan eebbifamtedha, firiin garaa keetis kan eebbifameedha. Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo si wajjin jira’oo.” jechaa akkuma ergamaan Gabri’eel sigalateeffate nutis si galateeffannaa.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu


Galata Giiftii Keenyaa Durboo Maariyaam kan Sanbata Duraa Kadhatamu
Kutaa Jahaffaa
1.      Yaa Maariyaam ati Qulqulleettiidh, eebbifamtuudhasGooftaa harka keen kan qabdeen yaa Dubroo ati waan hundumaan kan eebbifamtedha.
Uumamtoonni hundumtuu, “Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.” jedhanii sagalee guddaadhaan si wajjin gammadu. Kennaan kan guutamte yaa Durboo
gammadi,
Waaqa biratti ulfina waan argattef
gammadi, Waaqayyo si wajjin waan jiruuf gammadi.
Simboo kan qabdu yaa Durboo olaantummaa kee ni galateeffana. Fayyinni keenya firii garaa keetiin waan argameef
yaa Maariyaam nuti akkuma ergamaa Gabri’eelii,
galata siif dhiyeessina. Gara Abbaasaa gara Waaqayyootti nu dhiyeesse.
Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
2.      Afuurri Qulqulluu waan sirra buleef, humni Waaqaas waan si golgeef ati akkuma mana cidhaa qulqulluudha. Yaa Maariyaam jechaa Abbaa
bara baraaf jiraatu dhufee cubbuurraa kan nuu fayyise dhugumatti nuuf deesse.
Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu
3.      Sanyii Daawit keessaa kan argamte si’idha. Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin fooniin waan deessef addunyaa kana dursee kan ture Abbaarraa kan dhalate jechi foon nama uffatee WaaqummaasaaYaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
4.      Yaa Maariyaam mudaa osoo hin qabaatin Gooftaa kan deesse, aduun dhugaas si keessaa waan baheef ati lafa lammaffaa Sami taate. Akkuma raajonni raajii dubbatanitti sanyii dhiiraa malee otoo hin jijjiiramiin Gooftaa deesse.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
5.      Kan filataman keessaa adda kan taate, Tsillaatiin kakuu kan si keessa jiru, leemmanni Warqeefi nyaata dhokate kan baatte kan si keessa jiru, godoo /dunkaanni/ dabtaraa sidha. Nyaata kan jedhame kunis garaa Dubroo Maariyaam
keessa kan bule Ilmaa Waaqayyoodha. Jechi Abbaa ishee irraa dhalatee nama ta’e. Dhufee kan nuu fayyise Mootiin samiifi lafa addunyaa keessatti deesse.Haati Kiristoos hoolaa dubbattu gannataa kan taate ni gammadi.
Bara baraaf kan jiraatu Ilmi Abbaa dhufee nu fayyise.
Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
6.      Haadha Mooticha Kiristoos jedhamte.
Erga isa deeseen boodaas durbummaadhaan jiraatte.
Iccitii dinqii ta’een
Gooftaa deesse.
Kanaafuu jijiirama malee si eege.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.
7.      Riqaan Waaqayyo irra taa’ee yaa’iqoob arge sidha. Karuma hundumaan qoratamtee bira kan hin ga’amne garaa kee isa qulqulluu ta’e bira baatteen. Nu fayyisuf jedhee sirraa nama kan ta’e Gooftaa keenya Iyyesuus biraatti araarsituu nuuf taate.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
8.      Yaa galma eebbifamtuufi qulquluu kan taate, yaa Yaa Maariyaam kunoo Gooftaa baay’ina dhifamasaatiin addunyaa kan uume, hundumaa fayyisuuf si’i irraa dhalate. Inni arjaafi nama kan jaallatu waan ta’eef haa galateeffannun.Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.
9.      Cubbuu tokko malee Dubroo kan taate, kennaan kan guutamte, yaa Giiftii keenyaa gammadi. Ati ulfina addunyaa hundumaafi Xoofoo qulqullooftuudha. Yaa Maariyaam ati ibsa hin dhaamne, Mana qulqullummaa hin digamnedha. Hirkoo qulqullootaa, uleen amantaa hin jijjiiramne sidha. Cubbuu keenya akka nu dhiisuuf Ilma kee arjaafi fayyisaa ta’e nuuf kadhu.
Yaa Qulqulleettii nuuf kadhadhu.

Sanbataa Kirsitaanaatti Kan Kadhatamu
Guyyaa Sanbataa Kirsitaanaatti Kan Kadhatamu Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Giiftii Keenya
Durboo Maariyaam
Kutaa Torbaffaa
1.      Yaa Maariyaam, dubartoota hundumaa keessaa kan eebbifamte, jaallamtuus jedhamte. Adda kan ta’an caalaatti adda kan taate, Tsillaattin seera kakuu ishee keessa jira kan jedhamtu kutaan lamaffaa sidha. Seerri sunis abboommii kurnaan quba Waaqayyon kan barreeffamanii dha. Otoo hin jijjiraamiin sirra nama kan ta’e fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos maqaasaa isa tolaa ta’e dursee yawixaatti (jechoota kurnaan)quba Waaqayyoon bareeffaman nutti hime. Kakuu haaraafis araaarsaa ta’e. Dhangala’uu ulfaata dhigaasaatiin gartuusaa kan taaan amantoota qulqulleesse.
Yaa qulquulleettii nuuf kadhadhu
2.      Muka daanoon hin nyaannerran kan tolfame Taabonni keessafi alaan warqeedhaan kan dibame jecha Waaaqayyo isa otoo hin jijjiramiin nam ta’e fakkaata. Kunis Waaqummaa qulqulluu jijjiiramni itti jirredha. Abbaa wajjin kan walqixxaatedha. Giiftii keenya Qulqulleettif ofiisaa missirachoo itti hime. Ogummaasaa adda ta’een sanyii dhiraa malee akkuma keenya nama ta’e Waaqummaasaan foon uffatee sirraa nama ta’e.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
3.      Yaa Maariyaam fakkii Waaqayyoon kan fakkeeffaman kiruubeel kan si golgan manni qulqullummaa sidha. Yaa dubroo jechi jijjirama malee sirraa anma ta’e cubbuu keenya kan nuu dhiisu, gidiraa keenyas kan nurraa fageessu ta’e.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
4.      Nyaanni dhokate kan si keessa jiru, Leemmati warqee sidha. Nyaanni kunnis,nyaata samiirraa bu’ee addunyaa hundumaaf jireenya kennudha.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.
5.      Ibsaa yeroo hundumaa Ifummaa qabu ibsituu warqee kan baatte sidha. Ibsaan kunis,ifa addunyaadha. Ifichis ifa dhugaa jalqaba hin qabnerraa kan argame ifa dhugaadha. Waaqa dhugaarraa kan argame Waaqa dhugaadha. Innis otoo hin jijjiiramiin sirra nama kan ta’edha. Dhufaati Isaatiinis dukkaana fi gaaddidduu du’aa jala kan jirruuf nuu ibse. Iccitii ogummaasaa adda ta’eenis foon keenya uffatee yaada laphee keenyaa gara karaa nagaatti nuuf deebise.
Yaa qulqulleetti nuu kadhadhu.
6.      Eebbifamichi mana qulqullummaa keessaa baatee kan si baase barbaada ibiddummaa isa qabu kan baatte ultuun warqee sidha. Barbadaa kan jedhames cubbuu namaa kan haquu fi yakka namaf dhiifama kan kennudha. Innis sirraa nama kan ta’ee fi aarsaa jaallatamaa taasisee kan of dhiyeesse jechaa Waaqayyo dha.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu
7.      Jecha waaqayyo kan nuu deesse Yaa Maariyaam gugee toltuu gammadi. Hidda Iseeyyiirraa kan baate habaaboon urgaa tolaa qabdu sidha.
Yaa qulqulletti nuuf kadhadhu.
8.      Sanyii dhiira malee nama ta’ee kan nu fayyise Gooftaa keenya isa dhugaa Kiristoosin kan nuuf deesse yaa Maariyaaam ati akka ulee Aaroon ishee otoo hin dhaabamin, bishaanis otoo hin dhugiin lalistee argamte fakkaata.
Yaa qulquulleetti nuuf kadhadhu.
9.      Yaa Maariyaam ayyaanaan kan guutamte ati qulqulloota hundumaa caalaa nuu kadhachuun siif ni ta’a. Ati angafoota Phaaphaasota ni caalta. Raajotaafi barsiisotas ni caalta. Suraafeeliifi Kirubeel caalaa simboo jaallatamaa qabda. Dhugumatti abdiin namumaa keenyaa sidha. Isa amanuudhaan amantaa siiriitiin akka nu jabeessuuf, dhiifamasaas akka nuu kennuuf, baay’ina arjummaasaatiin cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara Gooftaafi fayyisaa keenyaatti nuu kadhadhu.
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.
10.  Kadhannaanshee, ulfinnisheefi arjummaan ilmashee_________________Wajjin bara baraaf haa jiraatu. Ameen


GALATA ERGAMOOTAA
GALATA ERGAMOOTAA
1.      Ergamoonni golgaa keessattiMaariyaamiin “Haddaas xaa’iwaa galanni siif haa ta’u” jechaa
ishee galateeffatu.
Ergamaan Maariyaamiin “jecha fudhadhu” jedhe “gara kee ni dhufa garaa keettis ni bula”
akkamitti mana hiyyeessatti bula? Akkuma hiyyeessaattis samiirraa bu’ee amalummaashee, amalummasaa taasifatee dhalate.

1.      Ji’a ja’affaattis Gabri’eel ergamaan Waaqayyo Abbaa biraa ergamee gara biyya Naazreet Galiilaa jedhamtu, gara dubroo Yoseefiif
kaadhimamtee jirtu tokkotti, maqaan dubroo kanaas,
Maariyaam jedhamti. Ergamaan gara isheetti seenee akkana jedheen. “Waaqayyo foon kee irraa foon lubbuu kee irraa lubbuu fudhatee waan sirraa nama ta’eef gammachuun siif ni ta’a, ati
dubartoota keessa kan eebbifamtedha.”
Sagalee dhageesserraan kan ka’e naatee akkana jette, “Harka fuudhiin galata akkasii akkamitti naaf ta’a?” Ergamichis akkana jedheen “Yaa Maariyaam hin sodatiin Waaqayyoo
bira ulfina argattetta, kuno ni ulfooftaa Ilmaas ni dessa maqaa isaas
Iyyesuus jette ni moggafta, Innis Ilmaa Waaqayyoo jabaa jedhama.
Waaqayyoos teessoo Daawit, kan Abbaasaa ni kennaaf, Innis lammii Yaa’iqoobi irratti bara-baraan ni mo’aa, Mootummaansaa dhuma hin qabu”
Maariyaamis Ergamichaan kun waan dinqiidha akkamitti naaf ta’a jette? Ergamichis deebisee akkana jedheen, Afuurri qulqulluu si eega, Humni Waaqayyoos sirra ni bula, kan sirraa dhaltu kunis sadan qulqulluu keessaa qulqulluu isa tokkodha kunoo lammii kee kan taate Elsaabexi osoo dhabduu taatee jirtuu dulluma keessa ulfooftee Ilmaas argatte.
Erga ulfoftees kunoo ji’a ja’a ta’e. Waaqayyof wanti dadhabamu hin jiru’oo.”
Maariyaamis Ergamichan “Akkuma jecha keetii naaf haa ta’u ani Waaqayyoof garbiittisaati” jette.

1.      Gabri’eel Ergamaan,
“Yaa Dubroo
Maariyaam
Ulfinniifi galanni siif haa ta’u.
Waaqa kan deesse
Galanni siif haa ta’u.
Bultoo
Waaqayyoo waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Godoo /dunkaana/ miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Obboleettii Ergamootaafi haadha saba hundumaa
Galanni siif haa ta’u
Giiftii hundumaa
Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Haadha nageettii Maariyaam
Galanni siif haa ta’u
Waaqayyoo bultoosaa akka taatuuf waan si filateef
Galanni siif haa ta’u
Koochoo gugee warqeefi meetiidhan miidhagde waan taateef
Galanni siif haa ta’u
Cinaachikee lalisaa warqeedhaan kan midhage
Galanni siif haa ta’u
Haadha ifaa balbala bahaa
Galanni siif haa ta’u
Aduu irra harka torba kan iftu ulfini kees hundumaan ol kan ta’e
Galanni siif haa ta’u
Yaa Maariyaam kan filataman keessaa kan filatamte;
Galanni siif haa ta’u
Kan kabajaman keessaa kan kabajamte
Galanni siif haa ta’u
Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa nuuf kadhadhu, akka nu fayyisuuf galata Abbaasaatiin Ergamoota qulqullaa’oo waliin yeroo dhufutti; qulqulloota karaa mirgasaa
Cubbamoota karaa bitaasaa yeroo dhabuu, nuunis wareegamaa Isxfaanoos Yohaannis Cuuphaa wajjin Qulqulootaafi Wareegamtoota hundumaa waliin akka nu dhaabuuf nuuf kadhadhu. Cubbuu keenyaas akka nuuf dhiisuuf bara-baraan Ameen.


1 comment: