Tuesday, May 26, 2020


Image may contain: 2 people, people sitting
Sichi Maal ta'uu qaba?

Kitaaba Ortodoksii Oromiyaatii jedhuu irraa kanaan dubisee.
“Waan tokko nan godha,wanta na boodatti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha" Fil 3:13
Wanti guddaan isa darbe hanga tokko kaafnuuf isa duraa sanarraa akka barannuuf malee dhimma ija fooniitiin ilaalamu uumuuf miti. Akkasumas namoota wallaalummaadhaan lakki akkas hin turre jedhanis deebisuuf gargaara. Wanti guddaan garuu si achi tajaajila Afaan Oromoo akkamiin babaldhisuudandeenya kan jedhudha. Kanas qabxiiwwan muraasa kaasudhaan kallattii furmaataa teessisuun ni danda'ama.

1. Tajaajilli afaan kamiinuu kennamu tokko ta'uu amanuudhaan, tajaajilichi akka babaldhatu gochuudha. Kunis babaldhachuu kan danda au inni jalqabaa ilaacha sirrii qabaachudhaani. Sanaafis kan gargaaran, tajaajiltoota baayyinaan leenjisuu, kitaabota ijoo ta'an Afaan Oromootti hiikuu, kitaabota barreessuu, faarfannaawwan Afaan Oromoo baldhinaan qopheessuudhaan sirnoota kiristaanaa keessatti raawwataman naannoo uummanni Oromoo ittiin waliigalutti baldhinaan itti fayyadamuudha.

2. Tajaajilli biyya keessatti eegalame biyya alaattis akka babaldhatu gochuudha. Kunis uummanni sababa gara garaan biyyaa bahe hanga yoonaa carraa wangeela afaan isaantin dhagahuu dhabuurraan kan ka e shakkitootaan liqimsameef dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechuun barbaachisaa ta'a.
3. Tajaajilicha waaltessuudha: Biyyi Oromoo baldhaa fi jechootanis kan badhaadhedha. Kanaaf kitaabonnis yemmuu hiikamanis ta`ee yeroo tajaajilli kennamu waaltessuudhan bifa jechoota godina fi loqodoota hunduma giddu galeessa godhateen yoo qophaahe hundumtuu tajaajilicha gammachuudhan ni simatu.

4. Tajaajiltoonni baldhinaan keessumattu kanneen akka margeetaa Oromiya ala waan dhufaniif akka gosa barnoota tokootti mana baruumsa keessa dhufanitti baratanii gara uummataatti bahuu qabu. Kunis tajaajilicha kan cimsu ta'a

5. Tajaajila afuurawaa Afaan Oromootiin kennamu miidiyaalee gara garaan cimsuudha.

Kitaaba Ortodoksii Oromiyaatii jedhuu irraa

No comments:

Post a Comment