Saturday, November 30, 2019

https://youtu.be/DN7a2oX6YKQ
Mani amantaa anii arguu fedhuus ta'ee itti hirmaachu qabu
Mani amantaa anii arguu fedhuus ta'ee itti hirmaachu qabu
- kan Saba hundaa ija tokkon ilaaltu
- kan dandii Kiristoos keessatti adeemsifamu
- kan siyyaasni tokko keessatti hin muldhaanee
- dimmaa, guraacha, dheera, gabaaba osoo hin jenee namoota hundaa ija tokkon ilaaltu.
- kan waltajii siyyaasa keessatti adeemsifamu osoo hin tanee waltajii amantaa qofa keessatti arginuu
waan bayyee jechuu dandeenya garuu kanaan jechuu barbaade kayyoo kanaan alaa Ergamaa tokkoyyuu akkaan hin qabne beekamu qaba. Yeroo hundaa funduraa koo kan demmuu dhalootni keenya mana amantaa dhisaanii bahan ummaata nannoo tokko qofa irraa miliyoona 8.8 bahan sana. Dabalata ammoo biyyaa ormaa irrattii balbaala isaanii cufaatanii kan boyyaa jiraan sanaf haa qaqabnu kan jedhuu dha. Maree kanaa Garaa dhimma birati maaf fudhatuu? Sababni isiin akkaana jettaanif naaf galaa innis dhimma jireenyi keenya jireenya shakiin gutaame waan ta'eef qofa. Malee mee ortodoksii keessatti guddaane jireenya keenyaf ifa garii tattee sana dhisne eessa waan dhaqnu isiiniti fakkaata? Ortodoksii anaaf hundaa calaa filaanoo koo isaa jalqabatii. Maluumayyuu ta'u dhimma amantaa koo keessatti kan naa midhuuf dhufuu waliin turtii daqiiqaa tokkof waliin hin turu. Mana amantaa koo baruumsa ishee fi dogimaa ishee irraa rakkinaa tokko argachuu hin dandeenye. Anii rakkinaa argaa kanaan jiru caseefamaa sirna bulchinsaa jiru sana qofa dha. Sirni bulchinsa amma jiru kana keessa garuu hattoota fi nyaatoota heddutu bayyaacha jira. Kan mana amantaa dhaba partii siyyaasa tasifaateetu jira. Kan kanaaran hafee ortodoksuumma koo eenyu ilee naraa fudhachuu hin dandaa'u. Anii akkaana kanaan jedhuu tarii caraa argaadhee xiqoo wanaan baraadheef ta'u dandaa'a. Garuu ummaanii keenya hedduuminaan caraa barachuu dhabaanii jiru. Kanaaf ammo Amman jiruuti dubachuu hin dhisuu. Kanuuma dubiin
Jabaan Waaqa
HaileGabriel/ humna Waaqayyo

Sunday, November 24, 2019

Lubaa Samu'eel irraa maltuu gahee?
Image may contain: 5 people, including Kate Bekele and Tesfaye Amina Abdikoo, people smiling, people standing
Lubaa Samu'eel irraa maltuu gahee?
Barreefama kana dubistaanii calisuu qofa osoo hin tanee ittin hundii keenya off baruu akka qabnuf jedheeni.
Dubatii debinee osoo waa’ee lubaa kanaa hin dubisnee dursaa lubni abbaa keenya irratti tarkaanfii fudhatee kun eenyu dha kan jedhuu haa ilaalu.
Lubni abbaa keenya luba Samuel dhorkee kun (luba doctor Amare) jedhamu. Lubni kun waggoota hedduuf mana amantaa qulqulletti dubroo maariyaam keessa tajajilaa kan ture yoo ta'u adeemsa keessa garu mana amantaa sanaa qabeenyaa mana amantaati nanneessuf jedhamee gafaa bitaamu lubni Amare kun maqaa isanittin mani amantaa kun akka bitaamu tasisanii boddee garuu adeemsa keessa biriin kun walitti nama busuu waan hin oleef kayyoo isaanii dhisaanii gara dhimma ofi isanitii yeroo fayadamu egaalan ummaanii ammo fedhii sana waan hin barbadneef itti gafataamuma keessan irraa ka'a yeroo jedhaman isinuu maal asii qabduu jechuun umaata irratti mana amantaa cufaanii namoota hedduu bochisaanii turani. Sanaa boddee police DC mana amantaa sanaa balbaala isaa cabsanii ummaanii akka ol seenu tasisaanii. Mana amantaa sanaa keessatii kan rebaamees, kan araabsames ni jiru. Achii keessa hiriyaa koo tokko Diyaaqoon ilee rukkuuta kabaala tokko argatee ture.
Image may contain: one or more people and text
Maree mani amantaa sun diree warraana ta'u malee humtuu hin hafnee. Boddee lubni Amare jedhamuu kun ummaata nagaa irratti kisii banaanii ergaa waggaa 3 olitti hangaa amma inuuma walfalmaa jiru. Lubni kun maqaa dhumaa walfaakkata mana amantaa sanaa qabatee bahee magaala DC keessatti mana amantaa tokko banee tajijilaa eegalee. Haa ta'u malee maneen amantaa lacheenuu hangaa hardhaa seeraatti waldhiyyeessa kan jiraanidha. Maree jidduu kanaan mana murtiiti yeroo dhiyyataan yeroo yeroo dollar ameerikaa hedduu basaa kan isaan falmaani.
Lubni Amare kun mana amantaa banatee kanaatii eega lubni keenya Samuel tajajila kutaa lallaaba wangeela fi baratoota dilbataa irratti hojaacha kan turan. Lubni Samuel Yeroo dheraaf isaan waliin kan turan ta'us garuu nutii jiraatoonii biyyaa kana ji'an walitti dhufne saganta xoofoo adeemsisu eegale ture. Jiduu kanaan nutiis isaan argaane dubisne akkaa nuu eebisanif osoo hojjaanu oromo community DC Jiruu waltajjii walitti dhufinsaa ummata oromo jidduuti nuuf argama kadhaana nuuf tasisaa jedhamnan abbaan kun hojiin afuura qulqulluu itti keename keessa tokko nama eebisuu fi nama jajjaabeesu waan ta'ef isanis demaani kadhataa ummata kana jidduti tasisaanii. Sana qofa osoo hin tanee waa’ee tokkummaa , jalalaa fi eegumsa mana amantaa ilaalchisee yaddaa qaban dubataani. Mani amantaa nannoo oromiyaa keessa jirtuu kan oromoo maraa ta'u, masqiidnii nannoo oromiyaa jiruu kan oromo maraa ta'u dubbatanii maloo nageenya mana amantaa keenyaf nuu wallin hojadhaa, abbootiin amantaa amoo walitti dhufnee waliin haa mariyaanuu jedhaanii dhamsaa isaanii dabarfatanii yeroo gadii bahan bulchaan mana amantaa isaan keessa turanii sun lubni Amare text ergaaniif. Text sunis bakkee atii har'aa itti argaamteef aniis lubboonii hundii siti gadinee jira. Kaanaafuu nageenya keetif jedhii boruu barii akka hin dhufne ittin jedhanii ergaanif.
Image may contain: 1 person
Nutiis dhimma kanaa yeruuma sanaa dhageenye walitti qabamne mana amantaa sana dhaquuf kanaan abbaan kun dhisaa ijoollee koo kadhanaa gonaaf malee dubii bira hin barbachisuu jedhanii nuu dhowwanii. Osuuma kanaan jiruu barii ergaa sirni qulqulleessuma rawwatamee boddee lubni Amare jedhamuu afuura off kutaa gadii bahee dhimma kanaa ummaata mana amantichaa keessati dubaate. Video ilee live wan turaanif achii irraa argaachuu dandeesuu. Wantii rawwataame kanaa yoo ta'u
Waaqayyo yeroo namni bollaa nuuf qotuu inni ammo karaa ittin batnuu waan nuuf keenuf abbaa keenya kanaa irra ilee hin fagannee. Kunoo dhimmii kun aduunya hundaa walgahee kanaan boddee sabni keenya bakka itti dhibaamu osoo hin tanee bakka itti tajajiluu fi tajajilaamu akka argatuuf hundii namoota dhimma isaanii tasifataanii bayyee hojaatama jira. Cufaa jabiinaa cimmaa keessa keenyati nuuf ummaani jiru. Nutii ni gammaane abbaan keenyaa kanaan boddee free ta'anii akka nuu tajajilaan 100% itti amananii nutii himaanii jiru. Gammachuun kanaa caluu eessa jira lee?
Dhamsaa qabnu yeroo amma kanaa humni keessan bayyee waan nu barbachisuuf nuu gargaraa. Yaddaa qabdanii fi garaa garee keenyati makaamu namoonii barbaddan nuu dubisaa .
Achuuman ammo link kanaa xuquun abbaa gargarsa akka gottaan isiin gafaana. https://www.gofundme.com/f/support-for-oromo-priest-samuel-…
Waa hunduumaf jabaa Waaqa dha.
HaileGabriel

Sunday, October 27, 2019

Abuuna Pheexiroos

Jump to navigationJump to search
Abuuna Pheexiroos (maqaan warrisaa baasef Magarsaa Badhaasaa) abbaa amantii yoo ta'u bara Xaaliyaanin Itoophiyaa weerartee turte Xaaliyaanidhan ajjeefame.
Image result for abuuna pheexiroos"

Seenaa Duubaa

Abuuna Pheexiroos bara 1875 Fiichee Salaaletti maatii qoteebulaarraa dhalatan. Warri isaan irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman, gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa kan maatin baasef Magarsaa ture. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’an. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyoonni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondor, akkasumas Goojjam fi Wallo deemuudhaan baruumsa afuura qo’atanii turan. Bara 1900, Walloo iddoo Amaaraa Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turaniidha. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr’ieelii Baatuu dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisaa turan.
Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa Hora Danbaliirratti kan argamtu godaambaa afuura Debre Tsiyoonitti/Tullu Guddootti/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi fannoon isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Bara 1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara IjiiptiAleksaandiriyaatti ergamanii muudaman keessaa Abuuna Pheexiroos tokko turan.

Ajjeefamuu

Abbuna Pheexiroos, bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf dhufte qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan. Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaalee kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaaniitti dhiyaatanii, abboota murtii Xaaliyaaniitiin adabbiin du’aa irratti murteeffame. Xaaliyaanonni uummanni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera” jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.
Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta’e. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaanne. Yommuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan; Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.
Xaaliyaanonni Abuuna Pheexiroos naannoo addabaaba’ii Birbirsa Goorootti (maqaa ammaa Piyaassa) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du’uunsa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummanni dirqamaan akka harka walitti rukutuuf taasisaa ture.
Xaaliyaanonnii reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan. Ummati Finfinnee guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa Ortodoksii bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abuuna Pheexiroosif aangoo qulqullummaa laatte. Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabonni maqaa isaanitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta’uudhan yommuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du’uu filatan.
Siidaan isaanis Finfinnee Birbirsa Goorootti (Piyaassaa) argama. Siidansaanii kan yeroo gabaabaaf sababa misooma daandii baabura salphaatin ka’ee ture, Amajjii 29 bara 2008 iddoo isaatti kabajaan deebi’eera.

eebbii isaanii nuraa haa buluu. 
maddii Wikipedia irraa 
maddii We