Sunday, November 24, 2019

Lubaa Samu'eel irraa maltuu gahee?
Image may contain: 5 people, including Kate Bekele and Tesfaye Amina Abdikoo, people smiling, people standing
Lubaa Samu'eel irraa maltuu gahee?
Barreefama kana dubistaanii calisuu qofa osoo hin tanee ittin hundii keenya off baruu akka qabnuf jedheeni.
Dubatii debinee osoo waa’ee lubaa kanaa hin dubisnee dursaa lubni abbaa keenya irratti tarkaanfii fudhatee kun eenyu dha kan jedhuu haa ilaalu.
Lubni abbaa keenya luba Samuel dhorkee kun (luba doctor Amare) jedhamu. Lubni kun waggoota hedduuf mana amantaa qulqulletti dubroo maariyaam keessa tajajilaa kan ture yoo ta'u adeemsa keessa garu mana amantaa sanaa qabeenyaa mana amantaati nanneessuf jedhamee gafaa bitaamu lubni Amare kun maqaa isanittin mani amantaa kun akka bitaamu tasisanii boddee garuu adeemsa keessa biriin kun walitti nama busuu waan hin oleef kayyoo isaanii dhisaanii gara dhimma ofi isanitii yeroo fayadamu egaalan ummaanii ammo fedhii sana waan hin barbadneef itti gafataamuma keessan irraa ka'a yeroo jedhaman isinuu maal asii qabduu jechuun umaata irratti mana amantaa cufaanii namoota hedduu bochisaanii turani. Sanaa boddee police DC mana amantaa sanaa balbaala isaa cabsanii ummaanii akka ol seenu tasisaanii. Mana amantaa sanaa keessatii kan rebaamees, kan araabsames ni jiru. Achii keessa hiriyaa koo tokko Diyaaqoon ilee rukkuuta kabaala tokko argatee ture.
Image may contain: one or more people and text
Maree mani amantaa sun diree warraana ta'u malee humtuu hin hafnee. Boddee lubni Amare jedhamuu kun ummaata nagaa irratti kisii banaanii ergaa waggaa 3 olitti hangaa amma inuuma walfalmaa jiru. Lubni kun maqaa dhumaa walfaakkata mana amantaa sanaa qabatee bahee magaala DC keessatti mana amantaa tokko banee tajijilaa eegalee. Haa ta'u malee maneen amantaa lacheenuu hangaa hardhaa seeraatti waldhiyyeessa kan jiraanidha. Maree jidduu kanaan mana murtiiti yeroo dhiyyataan yeroo yeroo dollar ameerikaa hedduu basaa kan isaan falmaani.
Lubni Amare kun mana amantaa banatee kanaatii eega lubni keenya Samuel tajajila kutaa lallaaba wangeela fi baratoota dilbataa irratti hojaacha kan turan. Lubni Samuel Yeroo dheraaf isaan waliin kan turan ta'us garuu nutii jiraatoonii biyyaa kana ji'an walitti dhufne saganta xoofoo adeemsisu eegale ture. Jiduu kanaan nutiis isaan argaane dubisne akkaa nuu eebisanif osoo hojjaanu oromo community DC Jiruu waltajjii walitti dhufinsaa ummata oromo jidduuti nuuf argama kadhaana nuuf tasisaa jedhamnan abbaan kun hojiin afuura qulqulluu itti keename keessa tokko nama eebisuu fi nama jajjaabeesu waan ta'ef isanis demaani kadhataa ummata kana jidduti tasisaanii. Sana qofa osoo hin tanee waa’ee tokkummaa , jalalaa fi eegumsa mana amantaa ilaalchisee yaddaa qaban dubataani. Mani amantaa nannoo oromiyaa keessa jirtuu kan oromoo maraa ta'u, masqiidnii nannoo oromiyaa jiruu kan oromo maraa ta'u dubbatanii maloo nageenya mana amantaa keenyaf nuu wallin hojadhaa, abbootiin amantaa amoo walitti dhufnee waliin haa mariyaanuu jedhaanii dhamsaa isaanii dabarfatanii yeroo gadii bahan bulchaan mana amantaa isaan keessa turanii sun lubni Amare text ergaaniif. Text sunis bakkee atii har'aa itti argaamteef aniis lubboonii hundii siti gadinee jira. Kaanaafuu nageenya keetif jedhii boruu barii akka hin dhufne ittin jedhanii ergaanif.
Image may contain: 1 person
Nutiis dhimma kanaa yeruuma sanaa dhageenye walitti qabamne mana amantaa sana dhaquuf kanaan abbaan kun dhisaa ijoollee koo kadhanaa gonaaf malee dubii bira hin barbachisuu jedhanii nuu dhowwanii. Osuuma kanaan jiruu barii ergaa sirni qulqulleessuma rawwatamee boddee lubni Amare jedhamuu afuura off kutaa gadii bahee dhimma kanaa ummaata mana amantichaa keessati dubaate. Video ilee live wan turaanif achii irraa argaachuu dandeesuu. Wantii rawwataame kanaa yoo ta'u
Waaqayyo yeroo namni bollaa nuuf qotuu inni ammo karaa ittin batnuu waan nuuf keenuf abbaa keenya kanaa irra ilee hin fagannee. Kunoo dhimmii kun aduunya hundaa walgahee kanaan boddee sabni keenya bakka itti dhibaamu osoo hin tanee bakka itti tajajiluu fi tajajilaamu akka argatuuf hundii namoota dhimma isaanii tasifataanii bayyee hojaatama jira. Cufaa jabiinaa cimmaa keessa keenyati nuuf ummaani jiru. Nutii ni gammaane abbaan keenyaa kanaan boddee free ta'anii akka nuu tajajilaan 100% itti amananii nutii himaanii jiru. Gammachuun kanaa caluu eessa jira lee?
Dhamsaa qabnu yeroo amma kanaa humni keessan bayyee waan nu barbachisuuf nuu gargaraa. Yaddaa qabdanii fi garaa garee keenyati makaamu namoonii barbaddan nuu dubisaa .
Achuuman ammo link kanaa xuquun abbaa gargarsa akka gottaan isiin gafaana. https://www.gofundme.com/f/support-for-oromo-priest-samuel-…
Waa hunduumaf jabaa Waaqa dha.
HaileGabriel

No comments:

Post a Comment