Saturday, November 30, 2019

Mani amantaa anii arguu fedhuus ta'ee itti hirmaachu qabu
Mani amantaa anii arguu fedhuus ta'ee itti hirmaachu qabu
- kan Saba hundaa ija tokkon ilaaltu
- kan dandii Kiristoos keessatti adeemsifamu
- kan siyyaasni tokko keessatti hin muldhaanee
- dimmaa, guraacha, dheera, gabaaba osoo hin jenee namoota hundaa ija tokkon ilaaltu.
- kan waltajii siyyaasa keessatti adeemsifamu osoo hin tanee waltajii amantaa qofa keessatti arginuu
waan bayyee jechuu dandeenya garuu kanaan jechuu barbaade kayyoo kanaan alaa Ergamaa tokkoyyuu akkaan hin qabne beekamu qaba. Yeroo hundaa funduraa koo kan demmuu dhalootni keenya mana amantaa dhisaanii bahan ummaata nannoo tokko qofa irraa miliyoona 8.8 bahan sana. Dabalata ammoo biyyaa ormaa irrattii balbaala isaanii cufaatanii kan boyyaa jiraan sanaf haa qaqabnu kan jedhuu dha. Maree kanaa Garaa dhimma birati maaf fudhatuu? Sababni isiin akkaana jettaanif naaf galaa innis dhimma jireenyi keenya jireenya shakiin gutaame waan ta'eef qofa. Malee mee ortodoksii keessatti guddaane jireenya keenyaf ifa garii tattee sana dhisne eessa waan dhaqnu isiiniti fakkaata? Ortodoksii anaaf hundaa calaa filaanoo koo isaa jalqabatii. Maluumayyuu ta'u dhimma amantaa koo keessatti kan naa midhuuf dhufuu waliin turtii daqiiqaa tokkof waliin hin turu. Mana amantaa koo baruumsa ishee fi dogimaa ishee irraa rakkinaa tokko argachuu hin dandeenye. Anii rakkinaa argaa kanaan jiru caseefamaa sirna bulchinsaa jiru sana qofa dha. Sirni bulchinsa amma jiru kana keessa garuu hattoota fi nyaatoota heddutu bayyaacha jira. Kan mana amantaa dhaba partii siyyaasa tasifaateetu jira. Kan kanaaran hafee ortodoksuumma koo eenyu ilee naraa fudhachuu hin dandaa'u. Anii akkaana kanaan jedhuu tarii caraa argaadhee xiqoo wanaan baraadheef ta'u dandaa'a. Garuu ummaanii keenya hedduuminaan caraa barachuu dhabaanii jiru. Kanaaf ammo Amman jiruuti dubachuu hin dhisuu. Kanuuma dubiin
Jabaan Waaqa
HaileGabriel/ humna Waaqayyo

No comments:

Post a Comment